[1] Achiin duuba ergamaan Waaqaa dhibiin, ka furtuu boolla qile’eetii fi wodaroo sibiilaa harkaa qabu tokko ol-gubbaa irraa gadi bu’uun dhagge.
[2] Inni jawwee qabee woggaa kumaaf hidhe; jawween tun ta Diiyaabiloos yookiin Seexana jedhantu, dhudhuufaa durii ti.
[3] Haga woggaan kumi tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile’etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhoye. Achiin duuba yennaa diqqo’oof hikkamuu qaddi.
[4] Kanaan duuba barcumoota mootumma’aa dhagge; barcumoota mootumma’aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee’eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du’aa ka’anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mooyan.
[5] Worri du’e ka hafe ammoo, haga woggaan kumi tokko sun muummotuutti du’aa hin kaane. Kun du’aa ka’a qaraa ti.
[6] Worri du’aa ka’a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu’u. Duuti lammeesso’oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te’an; isa wolille’een woggaa kuma tokkoof mooyan.
[7] Yennaa woggaan kumi tokko sun muummotte, Seexanni addee itti hidhame sanii hin hiikama;
[8] gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaayaa gudditt’ii ti.
[9] Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaallatame marsane; te’uu malee ibiddi ol-gubba’aa irraa bu’ee isaan nyaate.
[10] Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineessii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibidaa fi dhakaa bobe’uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran.
[11] Achiin duuba barcumaa mootumma’aa adi’ii fi ka isa irra te’eeru dhagge. Ol-gubba’aa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne.
[12] Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaabi dhibiille kitaabi jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaani’iititti murame.
[13] Abbaayaan guddoolle worra du’e ka isii keessa jiru kennite; du’aa fi addeen worri du’e jiru worra du’ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame.
[14] Achiin duuba du’aa fi addeen worri du’e jiru abbaayaa ibidaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du’a lammeesso’oo ti.
[15] Nami maqaan isaa kitaaba jiru’uu keessatti bareefamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame.