[1] Kancirri guddaan tokko ol-gubba’atti mudhate; dubartiin aduu uffattee, ji’a miila jala keyattee, kallacha urjoota kudha lamaa mata’atti keyatteertu takka mudhatte.
[2] Isiin ulfa qaddi; yennaa deyiisaaf ciniinsifattu, ciniinsu’uun rakkattee iyyite.
[3] Kancirri dhibiille ol-gubba’atti mudhate; jawween guddoon diintuun, ta mataa torbaa, ta gaafa kudhan qadduu fi kallacha torba mata’atti keyateertu takka mudhatte.
[4] Eegeen isi’ii urjoota harka sadi keessaa harka tokko ol-gubba’aa harkittee gad lafatti qolaansite. Jawween sun, akkuma dubartittiin deetteen mucaa isiin deettu liqinsiisaaf, isii deya geette dura dhaabbatte.
[5] Isiin ilma gosa biyya maraa ulee sibiilaa ta bokku’uutiin bulchu deette; mucaan gara Waaqaatii fi gara barcumaa mootummaa ifii ol fudhatame.
[6] Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuuf qopheessee, gara lafa goomole’ee baqatte.
[7] Kanaan duuba ol-gubballe’etti lolli ka’e. Mikaa’elii fi ergantooti isaa jawwee san lolane; jawwe’ee fi ergantuun isi’iille deebisane isaan lolane;
[8] te’uu malee jawwe’ee fi ergantooti isi’ii injifatamane; addee ol-gubba’atti qabanulle dhabane.
[9] Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalichise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi’iille isii woliin qolaanfante.
[10] Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage’e; isiilleen, «Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti; himattooti obboleeyyan teennaa, ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.
[11] Obboleeyyan teennalle, dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin isa mooyataneeran; lubbuu ifii adoo hin jaallatin du’aaf dabarsanee ifi kennaneeran.
[12] Maarre yoona ol-gubbootii fi worri isaan keessa leetanu gammada’a! Lafaa fi abbaayaa guddo’o, isiniif ammoo aanne’e! Sababille Seexanni yennaa gabaadduu callaa akka qabu beekee, mufii gudda’aan gadi gara keessan dhufeera.
[13] Jawween sun gara lafaatitti akka gad qolaanfatte yennaa beette, dubartittii ilma deette san ari’utti kaate.
[14] Dubartittiin ammoo gara lafa goomole’ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka’aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi’iif kenname.
[15] Achiin duuba jawween sun akka dubartiin sun lola’aan fudhatantuuf, bisaan akka lagaa, afaan ifii keessaa, dudda isi’ii duubaan gadi naxxe.
[16] Latti ammoo dubartittii gargaarte; afaan ifii bantee laga jawween afaan ifii keessaa gadi naxxe san liqinsite.
[17] Jawween sunille dubartii sanitti aartee, ijoollee isi’ii ta hatte woliin loliisaaf dhaxxe; isaan worra ajaja Waaqaa eeggatuu fi dhugaa baya Yesuusii qabatu.
[18] Jawween sun maansa cinaa abbaayaa guddo’oo irra dhaabbatte.