Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:42

[1] Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, «Dhaqa’aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa’a!» jettuun ani dhage’e.

[2] Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki’iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate.

[3] Ergamaan Waaqaa ka lammeesso’oo, qorii ifii abbaayaa guddoo irratti gadi naqe; abbaayaan guddoon sunille akka dhiiga nama du’ee teete; wonni lubbuu qabanu ka abbaayaa guddoo san keessa le’anu mara du’ane.

[4] Ergamaan Waaqaa ka sadeesso’oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te’ane.

[5] Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage’e; inni, «Ee, Woyyicha, ka amma jirtuu fi durille jirtu, waan akkas murteef, ati sirri’i;

[6] isaan dhiiga woyyootaatii fi raagotaa dhangalaasaneeran; atille akka isaan dhiiga unanu gooteerta, kun waan isaaniif male!» jedhe.

[7] Qoonqoon takkalle addee ciincaan itti ciinceffamu irraa, «Ee, Waaqaa Goottaa waan mara dandeettu, muraan teeti dhuga’aa fi sirri’i» jettuun dhage’e.

[8] Ergamaan Waaqaa ka arfeesso’oolle, qorii ifii aduu irratti gadi naqe; aduulle ibidda ifiitiin akka namoota woxaltuuf baalliin kennanteef.

[9] Isaanille finiina hama’aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinalle isaaf hin kennine.

[10] Ergamaan Waaqaa ka shaneesso’oolle, qorii ifii barcumaa mootummaa bineensaa irratti gadi naqe; mootummaan bineensaalle dukkanaan liqinfante; namootille farra irraa ta kaateen arraba ifii cicciniinane.

[11] Farraa fi madaa ifii irraa ta kaateen Waaqa ol-gubba’aa abaarane malee, hujii ifii hantuu irraa hin deebine.

[12] Ergamaan Waaqaa ka jayeesso’oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophawuuf bisaan lagaa sun goge.

[13] Achiin duuba afaan jawwe’ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sadi ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge.

[14] Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande’uutitti lola te’uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan.

[15] «Kunoo, ani akka hattu’uu yennaa hin beekkanne dhufa! Nami akka qullaa hin teenee fi akka nafi fokkoo isaa hin mudhanneef, dammaqee, woyaa ifii eeggatu ka badhadhe!»

[16] Ayyaanoti hamooti sun mootota san addee afaan Ibrootaatiin, «Armaagedoon» jedhantutti wolitti qabane.

[17] Ergamaan Waaqaa ka torbeesso’oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma’aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, «Muummotte» jettu baate.

[18] Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage’ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho’i lafaa guddaan akkasii te’ee hin beeku.

[19] Qachaan akka malee guddaan sun addee saditti gargar baye; qachaan guddaan gosa biyya adda addaalle diigame. Waaqi Baabiloonii guddoo qaabbatee, muduunuu daadhii woyini’ii ta mufii isaa jaddu’uun guutante keessaa akka untu tolche.

[20] Oddoolli marti baqatane; gaarotille dhabamane.

[21] Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba’aa gad namoota irra bubbu’e; balaan sun farrisiisaa waan te’eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane.

Mudhii — Chapters