[1] Achiin duuba uleen ittiin mikanu ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle’een, «Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkoy.
[2] Addee Galma Waaqaatiin fuula dura jirtu ammoo hin mikin. Sababille addeen sun worra Yihudoota hin te’iniif kennanteerti. Isaan qachaa woyyicha ji’a afurtamii lama irra hirbeessan.
[3] Ani dhugaa baatota tiyya lamaaf hunna hin kenna; isaaniille woyaa gaddaa uffatanee, guyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatama hin raagan» jedhame.
[4] Dhugaa baatoti lama, ta Waaqa Goottaa biyya lafaa dura dhaabbattu tun, muka ejersaa lamaa fi waan ifi irra keyamu lama.
[5] Eennulle isaan miidhiisaaf yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa bayee diina isaanii hin balleessa; ka isaan miidhiisaaf barbaadu mara akka kanaan ijjeefaman.
[6] Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yenna fedhane mara balaa te’e maraanu lafa dhowiisaaf baallii qaban.
[7] Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaan boolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa.
[8] Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda’aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantu Sodoom yookiin Gibxi jedhantu.
[9] Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daawwa’atan, hin awwaalchisanulle’e.
[10] Raagoti lamaan tun worra lafa irra le’anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le’anu du’a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan.
[11] Guyaa sadii fi wodhakka’aan duuba ammoo, hafuurri jiru’uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka’anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe.
[12] Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, «Asi baya’a!» isaaniin jettu dhage’ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba’aa bayane.
[13] Sa’aatuma sanitti tacho’i lafaa guddaan te’ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho’a lafaa saniin namooti kumi torba du’ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba’aatiif ulfinna kennane.
[14] Aanneen lammeesso’oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso’oo dhufaarti.
[15] Ergamaan Waaqaa ka torbeesso’oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle’etti qoonqoon hedduun guddoon, «Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin moowa» jettu dhage’ante.
[16] Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma’aa irra tee’aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee,
[17] «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, ka ammaa fi durille jirtu, hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef, si galateeffanna.
[18] Worri Yihudoota hin te’in mufate; mufiin teetille dhutte; yennaan worri du’e muraa dhaggatulle geette; yennaan tajaajiltooti teeti raagotii fi worri si’iif woyyoome, worri maqaa keeti ulfeessu worri didiqqa’aa fi worri gugurdaan, gatii ifii dhaggatanu geette; yennaan worra lafa balleesse, balleessitulle geette» jedhane.
[19] Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba’aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo isaa mudhate. Balaqqettiin balaqqittee, huuruun dhage’antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu’e.