Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:52

[1] Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala’aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobitii, Salomeellee dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane.

[2] Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awaalaa dhaqane.

[3] Isaan kara’atti, «Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu’uuf gangalchaa?» woliin jedhane.

[4] Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane.

[5] Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee’eeruun dhagganee rifatane.

[6] Inni ammoo, «Hin rifatina’a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka’eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala’a!

[7] Amma deema’aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan› jedha’aa hima’a» isaaniin jedhe.

[8] Maarre dubartooti naasu’uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa baayanee baqatane. Isaan waan sodataneeranuuf eennuulletti womaa hin dubbanne.

[9] [Yesuus Dilbata ganama du’aa ka’een duuba, dursee Mariyaamii qachaa Magdala’aa, ta inni ayyaanoota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate.

[10] Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo booyiisatti jiranuu dhaxxee hinte.

[11] Isaan Yesuus hin jira jechuu isi’iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage’ane hin dhuggeeffane.

[12] Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu bifa dhibi’iin itti mudhate.

[13] Isaan deebi’anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.

[14] Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du’aa ka’iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame.

[15] Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa’aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba’a.

[16] Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama.

[17] Worri anatti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan;

[18] Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya» isaaniin jedhe.

[19] Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba’aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee’e.

[20] Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]

Maarqoos — Chapters