[1] Ulfaataa Tewofiloos! Marroo waan odduu teennatti te’ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran.
[2] Ergaa tana worri nu’uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane.
[3] Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre’etti galchee si’iif barreessuun dansaa teetee anatti mudhatte.
[4] Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe.
[5] Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda’aa te’eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiya’aa keessaa hayyichi Zakkaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi’ii Elsaabeex jedhama.
[6] Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta’aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le’ii dansaa le’ane.
[7] Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran.
[8] Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma’aa ta hayyoota gooree Zakkaariyaasii waan teeteef, Zakkaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate.
[9] Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra’aan filame.
[10] Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti.
[11] Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakkaariyaasitti mudhate.
[12] Zakkaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate.
[13] Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakkaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage’eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si’iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta.
[14] Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi.
[15] Inni fuula Gootta’aa duratti guddaa hin te’a; daadhii woyni’ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama.
[16] Kolbaa Israa’elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa.
[17] Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti’iitii fi ijoolle’ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole’eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta’aaf qopheessiisaaf Gootta’aan dura hin ideema» isaan jedhe.
[18] Zakkaariyaas Erganticha Waaqaatiin, «Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra» jedhe.
[19] Ergantichi Waaqaalle, «Ani Gabri’eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe.
[20] Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te’uu maltetti, te’uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu» jedhee deebise.
[21] Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte.
[22] Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne.
[23] Yennaan Zakkaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi’ee gale.
[24] Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji’a shanii mana ifii keessatti dhokatte.
[25] Isiin, «Goottaan tana anaaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabbatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu’uu na irraa dhoogge» jette.
[26] Elsaabeex ulfoottee ji’a ja’eesso’ootitti Waaqi erganticha Gabri’eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu,
[27] gara durra duuddu’uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawwitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti.
[28] Ergantichi Waaqaa gara isi’ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si’iif te’u; Goottaan si woliin jira!» isi’iin jedhe.
[29] Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte.
[30] Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera.
[31] Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan.
[32] Inni guddaa hin te’a, Ilma Waaqa Ol Aana’aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawwitii isa hin mootonsa.
[33] Inni kolbaa Israa’eliitiif haga barabaraa mootii hin te’a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.
[34] Maariyaam eraganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu’u; tun attam te’iisaa dandeetti?» jette.
[35] Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si’itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana’aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa’inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama.
[36] Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji’a ja’eesso’oo ti.
[37] Waaqaaf wonni hin dande’anne hin jirtu» jedhe.
[38] Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta’aa ti. Akkuma ati jette anaaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme.
[39] Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti’ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe.
[40] Isiin mana Zakkaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute.
[41] Elsaabeex nageya Maariyaami’ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi’ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee,
[42] qoonqoo ol qabattee, «Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame!
[43] Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka ana dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf anaa te’e?
[44] Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage’een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale.
[45] Dubbiin Goottaan isi’itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette.
[46] Maariyaam, «Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;
[47] ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.
[48] Inni garbittii ifii gad aantuu qaabbateera; ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.
[49] Waaqi dande’aan waan guddoo anaaf godhe. Maqaan isaalle woyyicha.
[50] Marartiin isaa worra isa sodaatuuf dhalootaa haga dhalootaa ti.
[51] Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfisse.
[52] Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.
[53] Worra beelowe waan dansa’aan quussee, dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.
[54] Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabbatee, marartii ifiitiin garbicha ifii Israa’el gargaareera» jette.
[56] Maariyaam gara ji’a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite.
[57] Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette.
[58] Ollootaa fi firoottan isi’ii akka Goottaan isi’iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane.
[59] Guyyaa saddeetesso’oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba’aatiin, Zakkaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane.
[60] Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette.
[61] Isaan isi’iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane.
[62] Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane.
[63] Zakkaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhe barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane.
[64] Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande’ee, Waaqa galateeffate.
[65] Ollaan marti waan te’e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda’aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante.
[66] Dhugumaan hunni Gootta’aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage’ane martinuu, «Mucaan kun maan te’inna laati?» jedhanee yaadatane.
[67] Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,
[68] «Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef, Goottaan Waaqi Israa’elii galatoomuu!
[69] Sanyii Daawwitii tajaajilaa ifii irraa, fayyisaa jabaa nu’uuf kaaseera.
[70] Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,
[71] diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.
[72] Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi gondooroo woyyittii ifii qaabbate.
[73] Bara le’ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma’aa fi balchumma’aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale.
[76] Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana’aa hin jedhanta, karaa Gootta’aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.
[77] Kolbaan Waaqaa araara cubbu’uu kennamuun, beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.
[78] Waaqi keenna marara’aa fi gadhaa laafa’a. Inni aduu fayyinnaa nu’uuf hin baasa.
[79] Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du’aa keessa jiru maraaf hin issa; miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage.
[80] Mucaan guddatee, Ayyanalle’een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa’eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le’e.