Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:59

[1] Barii halkaniin Moototi hayyootaa: maanguddoota, barsiisoota Seera Muuse’eetii fi kora mura’aa duudii woliin mari’atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.

[2] Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaa tii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebiise.

[3] Moototi hayyootaa waan heddu’uun isa himatane.

[4] Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate.

[5] Yesuus ammoo, ammallee womaa hin deebiinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.

[6] Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.

[7] Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeessanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.

[8] Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte,

[9] inni, «Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?» jedhee isaan gaafate.

[10] Inni moototi hayyootaa akka Yesuus hinaaffa’aan dabarsanee isatti kennane beekeera.

[11] Moototi hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.

[12] Philaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate.

[13] Isaan, «Isa fannisi!» jedhanee hogisane.

[14] Philaaxoos, «Maaf akkana jettan? Maan yakke?» jedhee gaafate. Isaan ammoo, «Isa fannisi!» jedhanee guddisanee hogisane.

[15] Philaaxoos gumii gammachiisu’uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche’een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.

[16] Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti’ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane.

[17] Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore’eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane.

[18] Achiin duuba isaan, «Mooti Yihuddootaa jiraadhu!» jedhaa isa nageya fuudhane.

[19] Isaan mataa Yesuusii ule’een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiifatanee, isaa sagadane.

[20] Isaan itti taphaataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.

[21] Isaan namicha biyya Qareena’aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha’aa gara qacha’aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba’atu hunnaan tolchane.

[22] Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee «Buqqee mata’aa» jedhantu geessane.

[23] Achiitti daadhii woyni’ii qumbi’iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate.

[24] Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa’a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane.

[25] Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii sa’aati sadi.

[26] Beessisi yakka inni itti himatamee, «Mooticha Yihudootaa» jedha.

[27] Isaan alagaltoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita’aan Yesuus woliin fannisane.

[28] [Akka kanaan Baarreefam Woyyichi, «Inni yakkaameyyii woliin lakkowame» jedhu muummaye.]

[29] Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, «Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu!

[30] Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu’i!» jedhaa yesuus arrasane.

[31] Akkasuma moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse’ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, «Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande’u!

[32] Inni Masiihii, Mootii Israa’eli yoo te’e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffana!» jedhane. Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrasane.

[33] Orraa sa’aatii ja’aan jalqabee, haga sa’aatii sagalii latti duudiin dukkanootte.

[34] Sa’aatii sagalitti Yesuus, «Elo’ii, Elo’ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo gudo’oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf ana lakkittee?» jechu’u.

[35] Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage’anee, «Dhage’aa, inni Eliyaasi waamiisatti jira» jedhane.

[36] Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni’iii dhangaggoottu’uutti cuuphee, qaccee ule’eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe.

[37] Yesuus qoonqoo guddo’oon iyyee du’e.

[38] Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa’e.

[39] Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du’e dhage’ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe.

[40] Dubartooti gariin fagaattanee ilaalisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose’ee, Saloomeelle achi jiran.

[41] Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.

[42] Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa,

[43] Yoseefiin qachaa Armaatiya’aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata’aa fi dhufa mootumaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabbeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate.

[44] Philaaxoos akka Yesuus qaata du’e yennaa dhage’e maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du’eeru isa gaafate.

[45] Philaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reefa Yoseefiif kenne.

[46] Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii faannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakkaa keessatti bocamee qophoyeerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.

[47] Maariyaamiin qachaa Magdala’aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.

Maarqoos — Chapters