[1] Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee,
[2] «Kolbaan tun guyyaa sadiin ana woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin oo’a.
[3] Isaan keessaa lafa fago’ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala’aa yoo jedhe, kara’atti hin gaggaban» jedhe.
[4] Barattooti isaa deebisanee, «Lafa goomole’ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen.
[5] Yesuus, «Daabboo xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafannaan, isaan, «Xaltaa torba» jedhaneen.
[6] Inni gummiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane.
[7] Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime.
[8] Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hanbaa hatte kolonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen,
[10] barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta’aa dhaqe.
[11] Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba’aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane.
[12] Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, «Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!» jedhe.
[13] Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu’e.
[14] Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban.
[15] Yesuus isaaniin, «Ilaalladha’a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha’a!» jedhee ifi eegachiise.
[16] Isaan wol woliin, «Inni waan nuut sagalee hin qanneef akkana jedha» jedhanee dudubbatane.
[17] Yesuus yaada isaanii beekee, «Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu?
[18] Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu?
[19] Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hanbaa hatte kolonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Kudhanii lama» jedhanee deebisane.
[20] Yesuus itti aansee, «Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hanbaa hatte kolonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Torba» jedhaneen.
[21] «Isin ammalle hin hubattanuu?» jedhee gaafate.
[22] Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida’aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte.
[23] Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate.
[24] Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu anatti fakkaatan» jedhe.
[25] Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge.
[26] Kanaan duuba Yesuus, «Olla’atti hin deebi’in» jedhee namicha gara mana isaa galche.
[27] Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara’atti, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate.
[28] Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha’a si’iin jedhan; gariin Eliyaas si’iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si’iin jedhan» jedhanee deebisaneef.
[29] Yesuus, «Isin hoo, eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoos» jedheen.
[30] Yesuus waan isaa eennulle’etti akka hin hinne jabeessee isaan seere.
[31] Yesuus, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, mootota qaallotaatii fi barsiisota Seera Muuse’eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka’a» jedhee barattoota ifii barsiise.
[32] Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina’atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge.
[33] Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, «Seexaana, ana irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu» jedhee xixe.
[34] Achiin duuba Yesuus gumi’ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle ana hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba’atee, ana hordofuu ti.
[35] Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata.
[36] Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati?
[37] Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande’a?
[38] Nama dhaloota gaarayyeeffata’aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.