Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:44

[1] Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisa’a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa’a!» jedhe.

[2] Yesuus, «Ati ijaarsa gugurdaa kana dhaggitaa? Isaan maraa hin diigaman; tokkochi isaaniille wol irratti hin hafanu» jedheen.

[3] Yesuus gaara Ejersaa gubba’aa gara Galma Waaqaa gamatti garagalee tee’uun Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiryaas qofitti gara isaa dhufanee,

[4] «Nutti himi, wonni kun yoom teeti? Wonni kun mara te’iisaaf beessis te’uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane.

[5] Yesuus isaaniin, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha’a!

[6] Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan.

[7] Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina’a. Wonni akkasii kun te’uu qaddi; kun ammoo muumme’ee moti.

[8] Gosi gosatti, mootummaan mootuumma’atti hin kaati; latti addee heddu’uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti.

[9] «Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura’aa isin hin geessan; Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka anaaf dhugaa teetanu, anaaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan.

[10] Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi.

[11] «Yennaa qabanee gara mura’aa isin geessane, ‹Maan dubbanna laati?› jedhaa dursitanee hin yaadina’a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha’a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti.

[12] Obboleessi obboleessa, abbaalle ilma gara du’aa dabarsee hin kenna. Ijoolleen worra ifiititti kaatee hin ijjeesisiitti.

[13] Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme’ee ka ossatu ammoo hin fayya.

[14] «Isin, ‹Farra badi’ii› addee dhaabbatu’uu hin malle dhaabbatuun hin dhaggittan; kana ka dubbisu hubatuu ti. Worri Yihudaa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti.

[15] Nami mana gubbaa jiru, gad bu’ee mana seenee, wo fudhatiisaaf yennaa hin dabarsin.

[16] Nami fichaa keessa jiru, woya’aaf gara manaa hin deebi’in.

[17] Guyyooti sun dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif attam sodaachisa’a!

[18] Wonni kun ganna keessa akka hin teene daadimadha’a!

[19] Guyyooti sun guyyoota rakkinni hamaan itti te’u. Rakkinni akkasii yennaa Waaqi biyyaa lafaa dadeen jalqabee haga ammaatitti ijjumaa te’ee hin beeku. Deebi’eelle hin te’u.

[20] Adoo Goottaan guyyaa san gabaassuu dhabaatee, nami tokkolle hin hafu. Kolbaa ifii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaasse.

[21] «Yennaa san eennulle isiniin, ‹Ilaala’a! Kiristoos as jira!› yookiin «Ilaala’a! Achi jira!» yoo jedhe itti hin dhugeeffatina’a.

[22] Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka’an. Isaan yoo dande’ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan.

[23] If eeggadha’a! Ani dursee waan maraa isinii himeera.

[24] «Guyyootuma san keessa, yennaa rakko’oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi’ee hin ifu.

[25] Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaa ti; hunni ol-gubba’aa hin raafan ti.

[26] Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo’oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan.

[27] Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa woliti qaban.

[28] «Muka harru’uu irraa barumsa baradha’a. Yennaa dameeleen isi’ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan.

[29] Akkasuma isinille wonni kun teetuun yoo dhaggitane, akka inni balbalatti dhiyaate hin beettan.

[30] Ani dhugumaan isinitti hima; wonni kun maraa haga teetutti dhaalooti amma jiru kun hin taru.

[31] Ol-gubba’aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru» jedhe.

[32] «Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba’aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku.

[33] Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha’a! Damaqa’a!.

[34] Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyaatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaa ti. In tokko tokkoofuu waan hujanu keennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja.

[35] Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku’uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa’a!

[36] Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun mee isin dhagguu ti.

[37] Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa’a!»

Maarqoos — Chapters