[1] Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila’aatiin gama, gara biyya Gergeesa’aa dhufane.
[2] Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu’een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe.
[3] Namichi kun hirreensota odduu le’eera; eennulle wodaroo sibiilaatiinille isa hidhuu hin dandeenne.
[4] Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne.
[5] Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu hirreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle’een ifi duguugaa ture.
[6] Inni fago’otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee,
[7] iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana’aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe.
[8] Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama’a, namicha kana keessaaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe.
[9] Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee isa gaafannaan, inni, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca’a» jedhee deebise.
[10] Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate.
[11] Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaattee dheediisatti jirtiiyyu.
[12] Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane.
[13] Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante.
[14] Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te’e kana ilaalu’uuf dhufane.
[15] Yesuus bira yennaa geyane, namichi duula ayyaana hama’aatiin qabamee ture sun woyaa uffatee, qalbiin deebitee achi te’eeruun dhagganee sodaatane.
[16] Worri dhagane sun, waan namichi ayyaanni hamaan keessa ture sunii fi booyyoti maan akka te’ane kolba’atti odeessane.
[17] Achiin duuba isaan akka Yesuus adaala biyya isaaniitii deemuuf gaafatane.
[18] Yesuus achii deemiisaaf adoo hoboloo yaabiisatti jiruu, namichi ayyaana hama’aan qabameeru sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate.
[19] Yesuus ammoo didee, «Gara manaa keetii deebi’ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si’iif godhe, attam akka inni si’iif arjoome worra keetiif himi!» isaan jedhe.
[20] Maarre namichi deemee, biyya qachoota kudhan jedhantu keessatti, waan guddoo Yesuus isaaf godhe maraa odeesse. Worri dhage’ane marraayyuu jajane.
[21] Yesuus deebi’ee hobolo’oon gara abbaaya’aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya’aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante.
[22] Bulchitoota Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee,
[23] «Intalti tiyya diqqayyitiin dhukkuffattee du’iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne’ee koyiitii harka kee isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
[24] Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.
[25] Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi’ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu.
[26] Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne.
[27] Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe.
[28] Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte.
[29] Yennuma san dhiigi isi’ii lola’uu lakkisee, dhibee ifii irralle’ee akka fayyite itti dhage’ame.
[30] Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu’utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate
[31] Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane.
[32] Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale.
[33] Dubartittiin waan isi’iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte.
[34] Yesuus isi’iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle’ee fayyi» jedhe.
[35] Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane.
[36] Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqeeffannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe.
[37] Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obbooleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne.
[38] Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi boyaa wiiccifatanu dhagge.
[39] Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe.
[40] Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene.
[41] Harka isi’ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka’i!» jechu’u.
[42] Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane.
[43] Yesuus ammoo, akka isaan eennulle’etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba «Waan nyaattu isi’iif kenna’a!» jedhe.