[1] Fariisaayotaa fi barsiisoti seera Muuse’ee ka Yerusaalemii dhufane gariin, Yesuus biratti wolitti qabamane.
[2] Barattooti Yesuusii gariin, akka seera isaaniititti, harka dhiqachu’uun adoo ifi hin qulleessin harka xuri’iitiin sagalee nyaatanuun dhaggane.
[3] Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te’ane maraayyuu, aadaa maangudoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu.
[4] Yennaa dikko’oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu. Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu’utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan.
[5] Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse’ee, «Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri’iitiin maaf sagalee nyaatan?» jedhanee Yesuus gaafatane.
[6] Yesuus deebisee, «Isin kijiboole’e! Isaayaas marroo teessaniif: ‹Kolbaan tun afaaniin ana ulfeessiti; gadhaan isi’ii ammoo na irraa fago’oo.
[7] Aadaa namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, ana waaqeffatuun isaanii gatii hin qabu› jedhee ka raage dhuga’a.
[8] Isin ajaja Waaqaa ulfeessuu diddanee, aadaa namaa ulfeessitan» isaaniin jedhe.
[9] Yesuus itti aansee, «Aadaa teessan hordofiisaaf jettenee ajaja Waaqaa didu’uuf mala dansaa qaddan.
[10] Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!›, ‹Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti› jedhee ajajeera.
[11] Isin ammoo nami abba’aa fi haadha ifii gargaaru’uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te’eera› akkas jechuun Waaqaf kennameera yoo jedhe,
[12] duuba inni deebi’ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu.
[13] Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu’uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.
[14] Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa’aatii hubadha’a!
[15] Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa.
[16] [Gurra dhage’u nami qabu dhage’uu ti]» isaaniin jedhe.
[17] Yennaa Yesuus gumii dhiisee gara manaa seene, barattooti isaa akka inni mammaassa kana hiiku isa gaafatane.
[18] Inni ammoo, «Isinille akkuma worra kaanii adoo hin hubatin jirtanii? Wonni alaa gara gadhaa namaa galu maraa nama batteessiisa akka hin dandeenne isin hin hubattanuu?
[19] Sagaleen gara qalbii namaa hin seentu; gara gadhaa namaa seentee nafa keessaa baati» isaaniin jedhe. Tana jechu’uun sagaleen martinuu nyaataaf qullittii akka teete beessise.
[20] Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa.
[21] Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu,
[22] gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaafaa, maqaa balleessuu, kooru’uu fi gowwu’u.
[23] Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.
[24] Yesuus achii deemee gara biyya Xiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barabaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne.
[25] Dubartiin takka, ta intalti isi’ii ayyaana hama’aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde.
[26] Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiiqee jedhantu ta biyya Sooriya’aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi’ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte.
[27] Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle’ee fuudhanee sare’eef qolaansuun dansa’aa moti» isi’iin jedhe.
[28] Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle’ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen.
[29] Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi’iin jedhe.
[30] Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi’ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite.
[31] Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiroosiitii ka’ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila’aa dhaqe.
[32] Jarri takka, namicha gurra duuda’aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte.
[33] Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe;
[34] gara ol-gubba’aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu’u.
[35] Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate.
[36] Yesuus waan kana nama tokkolle’etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane.
[37] Worri dhage’ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa’a!; worri gurra duude akka dhage’u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane