[1] Achiin duuba Yesuus deebi’ee gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu.
[2] Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu.
[3] Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka’iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe.
[4] Achiin duuba jaralle’een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansa’a moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane.
[5] Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari’ittiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka kee diriiffadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriiffate, harkille deebi’ee fayye.
[6] Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari’atane.
[7] Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila’aa deeme. Gumiin guddoon Galiila’aa, biyya Yihuda’aatii,
[8] qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya’aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ka gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte.
[9] Gumiin guddoo sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime.
[10] Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane.
[11] Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane.
[12] Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle’etti hin hinne jabeessee ajaje.
[13] Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane.
[14] Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te’anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu,
[15] durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.
[16] Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni «Pheexroos» jedhee moggaase,
[17] Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni «Bo’anerges» jedhee moggaase; akkasi jechuulle, «Ilmaan Mandiisu’uu» jechu’u.
[18] Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii «Hinaatticha» jedhamee beekkamee fi
[19] Yihudaa nama qachaa keeriyootii, ka isa dabarsee kenne.
[20] Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante.
[21] Kolbaan, «Inni maraateera» waan jetteef, firoottan isaa kana dhage’anee isa qabiisaaf dhufane.
[22] Barsiisoti Seeraa worri Yerusaamii dhufane ammoo, «Bi’el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane.
[23] Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasu’uu dande’a?
[24] Mootummaan takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti.
[25] Maatiin takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti.
[26] Maarre Seexaanille ifi falamee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaati malee dhaabbachu’uuf hin dande’u.
[27] Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu’uuf hin dande’u; hidheen duuba ammoo mana isaa samu’uuf hin dande’a.
[28] «Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama.
[29] Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu barabaraa te’a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.
[30] Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe.
[31] Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane.
[32] Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane.
[33] Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa’a?» isaaniin jedhe.
[34] Inni gara worra isa marsee te’eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana!
[35] Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleetii tiyya, haadha tiyyalle’e» jedhe.