Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:28

[1] Yesuus itti dabalee, «Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du’in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira» jedhe.

[2] Yesuus guyyaa jaan duuba, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis fudhatee, ol gara gaara tokkoo qofitti baase. Achitti inni isaan duratti jijjiiramee,

[3] woyaan isaa eennulle nami lafa irraa ka woyaa borcu tokko dande’ee haga addeessuun caalaa adii calkii teete.

[4] Achiin duuba barattooti sadiin Eliyaasii fi Muuseen Yesuus woliin haasowanuun dhaggane.

[5] Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa’a! Asitti dhaggamuun keenna nu’uuf dansa’a! Kowa’a gosee sadiin, takkattii si’iif, takkattii Muuse’eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedheen.

[6] Isaan akka malee waan sodaataneeranuuf, Pheexroos waan dubbateeyyuu hin beenne.

[7] Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qonqoon, «Kun ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage’aa!» jette.

[8] Yennuma san yennaa isaan adaala ifii ilaalanu Yesuus qofa ifi biratti dhaggane malee, nama dhibii eennulle hin dhagginne.

[9] Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu’iisatti jiranuu, «Ilmi namaa haga du’aa ka’utti waan dhaggitane, nama tokkolle’etti hin himina’a» jedhee barattoota ifii seere.

[10] Isaan dubbii isaa fudhatane; ammoo, «Du’aa ka’iis kun maan inni?» jedhanee wol gagaafatane.

[11] Barattooti isaa, «Maaf barsiisoti seeraa, ‹Eliyaasitti dursee dhufa› jedhan?» jedhanee Yesuus gaafatane.

[12] Yesuus deebisee, «Akka waan mara midhaassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreefante ho ree?

[13] Ani ammoo isinitti hima; Eliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffantetti, namooti waanuma fedhane isa tolchane» jedhe.

[14] Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi’anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse’ee isaan woliin moromanuun dhaggane.

[15] Gumiin sun yennaa Yesuus dhaggite, akka malee maadeffattee, gara isaa rukkittee nageya fuute.

[16] Yesuus, «Wonni isin irratti wol morontanu maan inni?» jedhee isaan gaafate.

[17] Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa’a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera.

[18] Yennaa durriisi itti ka’u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe.

[19] Yesuus deebisee, «E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida’a!» isaaniin jedhe.

[20] Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajachiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise.

[21] Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te’a?» jedhee abbaa muca’aa gaafate. Abbaan muca’aa deebisee, «Ijoolluma’aan jalqabee ti.

[22] Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne’ee nu’uuf nayiitii nu gargaar» jedhe.

[23] Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qababuuf wonni maraa hin dande’anti» jedhee deebise.

[24] Yennuma san abbaan muca’aa, «Ani dhugeeffanaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen.

[25] Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama’aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda’aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi’in» jedhee isa xixe.

[26] Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, «Du’eera» jedhane.

[27] Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka’ee dhaabbate.

[28] Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, «Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?» jedhanee qofitti isa gaafatane.

[29] Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.

[30] Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, «Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka’a» jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbanne.

[32] Isaan ammoo wonna inni barsiise kana hin hubanne; isa gaafachu’uufille sodaatane.

[33] Yesuusii fi barattooti isaa Qifirnaahoom dhaqanee, mana geyaneeranuun duubatti Yesuus, «Kara’atti wonni isin irratti wol morontane maan inni?» jedhee isaan gaafate.

[34] Isaan ammoo, «Nu keessaa ka caalu eennu laati?» jedhanee waan wol moromaneeranuuf cadhisane.

[35] Yesuus tee’een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te’iisaaf barbaadu, gadee namaa te’ee, tajaajilaa nama maraa te’uu ti» jedhe.

[36] Achiin duuba Yesuus daa’ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee,

[37] «Eennulle ka daa’ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, ana fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka ana ergelle fudhata malee ana calla’aa moti» isaan jedhe.

[38] Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisa’a, namicha tokko, ka maqaa keetiin duriisota baasu dhagginee, waan inni golii teenna te’uu dhabeef, nuuti ammoo isa dhooggine» jedheen.

[39] Yesuus ammoo, «Nami maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi’ee ammoo, dafee hantuu tiyya dubbatu waan hin jirreef, isa hin dhooggina’a.

[40] Nami nu’uun hin mormine golii teenna.

[41] Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto’oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba» jedhe.

[42] Eennulle worra didiqqaa ana hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaa mannaa, dhakaan daaku’uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo’otti adoo gatamee isaa woyya.

[43] Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru’uu galiisa si’iif woyya.

[44] [Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]

[45] Miilli keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; miila lamaan qabaattee gara qile’ee gatamu’uu mannaa, fafoottee gara jiru’uu galiisa si’iif woyya.

[46] [Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]

[47] Ilti teeti akka cubbuu tolchituuf yoo si ataadde ifi keessaa baasi; ila lamaan qabaattee gara qile’ee gatamu’uu mannaa, ila takkattii callaa qabaattee mootummaa Waaqaa galuu si’iif woyya.

[48] Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.

[49] «Nami martinuu ibiddaan kurowa.

[50] Sooddi waan dansa’a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree? Soodda ifi keessatti qabaadha’a; wolii keessaniifille nageya qabaadha’a!» jedhe.

Maarqoos — Chapters