[1] Guyyaa diqqa’aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi’ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette.
[2] Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu,
[3] jarri tokko nama afur te’anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba’atanee gara Yesuusii fidanee dhufane.
[4] Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba’aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane.
[5] Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
[6] Barsiisoti Seera Muusse’ee ka achi tetee’aneeranu tokko tokko,
[7] «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshesiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramu’uu dande’a?» jedhanee gadhaa ifii kessaatti yaadatane.
[8] Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba’aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan?
[9] Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu’utti kaso’o?
[10] Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween,
[11] «Ani si’iin jedha, ol ka’i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
[12] Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka’ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
[13] Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila’aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise.
[14] Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee’eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ka’ee isa hordofe.
[15] Eega san Yesuus mana Lewwi’iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori’itti hiiqanee tetee’aneeraniiyyu.
[16] Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse’ee ka te’ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane.
[17] Yesuus waan kana dhage’ee, «Namoottan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi’iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
[18] Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?» jedhanee isa gaafatane.
[19] Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu.
[20] Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyaa san laaman.
[21] Woyaa dullati’itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erben haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurrachiittee hin tarsaatti; tarsa’iisi isi’ille ka qaraa ka caalu te’a.
[22] Akkasuma daadhii Woyni’ii ta hin bayin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi’ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qadd» isaaniin jedhe.
[23] Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi’ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane.
[24] Fariisaayoti Yesuusin «Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?» jedhane.
[25] Yesuus deebisee, «Daawwit waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee?
[26] Bara Abiyaatar Hayyicha Guddaa te’eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqaaf kennante, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» isaaniin jedhe.
[27] Achiin duuba Yesuus «Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne.
[28] Maarree Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta’a» isaaniin jedhe.