[1] Wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba;
[2] dhalachuun yeroo qaba, du'uunis yeroo qaba; dhaabuun yeroo qaba, isa dhaabame buqqisuunis yeroo qaba.
[3] Ajjeesuun yeroo qaba, fayyisuunis yeroo qaba; diiguun yeroo qaba, ijaaruunis yeroo qaba.
[4] Boo'uun yeroo qaba, kolfuunis yeroo qaba; gadduun yeroo qaba, sirbuunis yeroo qaba;
[5] dhagaa bittimsuun yeroo qaba, dhagaa walitti qabuunis yeroo qaba; ammachuun yeroo qaba, ammachuu dhiisuunis yeroo qaba;
[6] barbaaduun yeroo qaba, barbaaduu dhiisuunis yeroo qaba; kaa'uun yeroo qaba, gatuunis yeroo qaba;
[7] baqaqsuun yeroo qaba, hodhuunis yeroo qaba; calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba;
[8] jaallachuun yeroo qaba, jibbuunis yeroo qaba; loluun yeroo qaba, nagaa buusuunis yeroo qaba.
[9] Namni wanta itti dadhabee hojjetu irraa bu'aa maalii argata”
[10] Ilmaan namootaa akka itti dhama'aniif dadhabbii Waaqayyo isaan irra kaa'e argeera;
[11] Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee ta'u beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa'eera; haa ta'u iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin danda'u.
[12] Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka;
[13] namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyoo ti;
[14] wanti Waaqayyo hojjetu hundinuu bara baraan akka jiraatu ani beeka; wanti isatti dabalamu yookiis isa irraa fuudhamu tokko illee hin jiru; Waaqayyo namni akka isa sodaatuuf wanta akkasii kana hojjete.
[15] Wanti amma jiru isuma dur turee dha, wanti si'achi ta'us isuma dur ta'e turee dha; Waaqayyo isuma darbe deebisee in fida.
[16] Ammas ani aduu jalatti, qooda firdii qajeelaa, jal'ina, qooda qajeelinaas micciiramummaa nan arge;
[17] ani,“Waaqayyo warra qajeelota, warra jal'ootas gara firdiitti in fida; wanti hundinuu, hojiin hundinuus yeroo qaba” jedhee, garaa koo keessatti nan yaade.
[18] Ilmaan namootaa immoo,“Ofii isaaniitii akka bineensotaa akka ta'an haa arganiif Waaqayyo isaan qora” jedhee, garaa kootti nan yaade.
[19] Wanti namatti dhufuu fi wanti bineensatti dhufu tokkichuma; akkuma inni tokko du'u inni kaanis in du'a; hundumti isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa irra hin caalu; wanti hundinuu waa'ee hin baasu.
[20] Hundumti isaanii gara iddoo tokkoo in dhaqu; hundumti isaanii biyyoo irraa dhufan, gara biyyoottis in deebi'u;
[21] hafuurri namaa gara olii akka dhaqu, hafuurri bineensaas lafa keessa akka gad dhaqu eenyutu beeka?
[22] Namni wanta itti dadhabetti gammaduun ga'aa isaa waan ta'eef, wanti kana irra caalu akka hin jirre argeera; wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru akka arguuf eenyutu deebisee isa fiduu danda'a ree?