Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:20

[1] Titiisi urgooftuu dibataa keessatti yoo duute foolii isaa akka balleessitu, akkasuma gowwummaan xinnoon ishee ogummaa fi ulfina namaa in balleessiti;

[2] yaadni nama ogeessaa karaa qajeelaa irra isa in buusa, yaadni nama gowwaa garuu karaa irraa isa in kaachisa;

[3] namni gowwaan karaa irra yommuu adeemu iyyuu waa hubachuu hin danda'u, gowwaa ta'uu isaas garuma adeemutti of irratti in beeksisa.

[4] Namni si irratti gooftummaa qabu yoo sitti dheekkame, daftee iddoo hojii keetiitii hin adeemin! Calluma jechuun cubbuu baay'ee hambisuu in danda'a.

[5] Wanta hamaa ani aduu jalatti arge keessaa inni tokko irra-daddarbaa isa warra biyya mo'an biratti ta'uu dha.

[6] Gowwootaaf iddoo guddaa ulfina-qabeessatu kennama, badhaadhonni baay'een immoo iddoo gara gadii in taa'u;

[7] garboonni fardaan utuu adeemanii, bulchitoonni biyyaa immoo akka garbootaa lafa utuu adeemanii ani argeera.

[8] Namni boolla namaaf qotu ofuma isaatii keessatti in kufa; nama keenyan diigu bofni in idda;

[9] nama dhagaa yaasu, dhagaan in miidha; nama muka falaxu, mukti in miidha.

[10] Qottoon doome yoo qaramuu dhabaate, humna baay'ee in fixa; ogummaan garuu hojii namaaf in hisachiisa.

[11] Bofni utuu hin dawweeffamin yoo nama iddite, namichi inni bofa dawweessu bu'aa hin argatu.

[12] Dubbiin afaan nama ogeessaa keessaa ba'u, namatti in tola; namni gowwaan garuu, arrabuma isaatiin of in balleessa.

[13] Gowwummaadhaan dubbii isaa in jalqaba, dhumni dubbii isaatiis hamminaa fi maraatummaa dha;

[14] namni gowwaan dubbii in baay'isa, wanta ta'uuf jiru namni tokko illee beekuu hin danda'u; erga inni du'ee wanta ta'uuf jiru eenyutu isatti himuu danda'a ree?

[15] Namni gowwaan, karaa gara mandaraatti isa geessu illee waan hin beekneef, hojiin isaa isuma in dadhabsiisa.

[16] Yaa biyya mucaan si irratti mo'uu, yaa biyya angafoonni kee ganamaan nyaataa fi dhugaatiitti dhi'aatanii siif wayyoo!

[17] Yaa biyya mootiin kee nama ga'aa ta'ee fi angafoonni kee machiidhaaf utuu hin ta'in ittiin jabina argachuudhaaf yerootti nyaatanii dhuganii, gammadi!

[18] Dhibaa'ummaan mana in duufisa, harka dachaafatanii taa'uunis mana in dhimm'isiisa;

[19] nyaati nama gammachiisuuf in hojjetama; daadhiin wayniis jireenyi akka namatti tolu in godha; horiin garuu wanta hundumaa namaaf in hojjeta.

[20] Garaa kee keessatti illee mootii, iddoo ciisichaa keettis sooressoota hin abaarin! Simbirri qilleensa keessa balali'u sagalicha fuudhee in adeema, wanti baalleedhaan ka'us dubbicha in hima.

Macaafa Lallabaa — Chapters