[1] Wanta hamaa namoota duratti mul'ataa ta'e tokko, ani aduu jalatti argeera;
[2] Waaqayyo nama tokkoof qabeenya, badhaadhummaa, ulfinas in kennaaf; namichi kun wanta jireenya isaatiif barbaachisu keessaa tokko illee kan itti hir'atu hin jiru; garuu ormatu qabeenya isaa nyaata malee, Waaqayyo akka inni qabeenya ofii isaatii nyaatu isa hin goone; kunis wanta waa'ee hin baafnee dha, dhukkuba hamaa dhas.
[3] Namni tokko ijoollee dhibba iyyuu godhatee, bara baay'ees yoo jiraate, garuu wanta gaarii jireenya isaatti argatutti hin gammadu yoo ta'e, awwaalas hin argatu yoo ta'e, ani,“Nama akkasii irra isa iddoo hin ga'in dhalatee balleeffame wayya” nan jedha;
[4] inni iddoo hin ga'in dhalatee balleeffamu, kan waa'ee hin baafnee dha; dukkanaan dukkanatti in darba, maqaan isaas deebi'ee hin dha'amu.
[5] Aduu hin argine, hin beeknes; kanaaf inni iddoo hin ga'in dhalatee balleeffame nama sana caalaa boqonnaa qaba;
[6] namichi sun bara kuma lama iyyuu jiraatee wanta gaarii hin argine yoo ta'e, lachanuu iddoodhuma tokko dhaqu mitii ree?
[7] Itti dadhabee hojjechuun namaa hundinuu qoonqoodhuma isaatiif; kanuma keessaa iyyuu fedha isaa utuu hin guuttatin in hafa.
[8] Namni ogeessi nama gowwaa caalaa maal bu'aa qaba” Namni deegaan namoota gidduu akka itti jiraatu beekuun isaa maal bu'aa qabaaf”
[9] Wanta argachuudhaaf yaadaan jooran irra, wanta of biratti argatan wayya; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis.
[10] Wanti amma jiru duruma maqaa kanaan moggaafame, namni maal akka ta'e duruma beekame; namni isa isa caaluun mormuu akka hin dandeenyes beekamaa dha.
[11] Dubbiin yommuu baay'atu wanta waa'ee hin baafnetu baay'ata; isa keessaas namni maal bu'aa argata”
[12] Namni bara jireenya isaa isa waa'ee hin baafne, isa gabaabaa isa akka gaaddisaa darbu kana keessa utuu jiruu, wanta isaaf gaarii ta'e eenyutu beeka” Erga inni du'ee wanta aduu jalatti si'achi ta'uuf jirus eenyutu isatti himuu danda'a?