[1] Urgooftuu gaarii irra, maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalatan irra, guyyaa du'an wayya;
[2] mana cidhaa dhaquu mannaa, mana gaddaa dhaquu wayya; duuni dhuma nama hundumaa ti, warri jiranis garaa isaaniitti isa in yaadatu;
[3] kolfuu irra gadduu wayya; fuulli namaa yommuu gaddu garaan namaa in gammada;
[4] garaan warra ogeessaa mana gaddaa jira, garaan warra gowwootaa garuu mana gammachuu jira;
[5] faarfannaa warra gowwootaa dhaggeeffachuu irra, ifata nama ogeessaa dhaggeeffachuu wayya;
[6] kolfi nama gowwaa akka qoraattii xuwwee jalaa xaaxa'uu ti; kunis wanta waa'ee hin baafnee dha.
[7] Wanti doorsisaan argamu nama ogeessa in maraacha, gabbarsuunis amala namaa in balleessa;
[8] jalqaba gaarii irra, dhuma gaarii wayya; nama of korsu irra, nama obsu wayya;
[9] aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin!
[10] “Baroonni darban maaliif baroota ammaa irra wayyu?” jettee hin gaafatin! Gaaffiin akkasii gaaffii nama ogeessaa miti.
[11] Ogummaan qabeenyaa wajjin gaarii dha; warra lafa irra jiraataniif bu'aa qabdi;
[12] akkuma horiin nama golgu, akkasuma ogummaan nama in golgiti; caalaatti immoo ogummaan jireenya warra ishee argatanii nagaatti in eegdi.
[13] Wanta Waaqayyo hojjete mee ilaali! Kan inni dabse, eenyutu qajeelchuu danda'a ree”
[14] Namni wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru hin beeku; kanaafis ati bara gaariitti gammadi! Barri hamaan yoo dhufe immoo, Waaqayyo isa kana, isa sanas akka uume yaadadhu!
[15] Ani bara jireenya koo isa waa'ee hin baafne kana keessa wanta baay'ee argeera; namni qajeelaan tokko utuma qajeelaa ta'ee jiruu in bade, namni jal'aan tokko immoo utuma jal'aa ta'ee jiruu bara dheeraa in jiraate;
[16] maaliif nama qajeelaa fi nama ogeessa keessa-ba'aa taatee of balleessita”
[17] Maaliif nama jal'aa fi nama gowwaa keessa-ba'aa taatee, yeroo kee malee duuta”
[18] Wanta tokko yommuu qabattu, isa kaanis lafa hin buusin! Namni Waaqayyoon sodaatu, qabaa wanta hundumaa beeka.
[19] Wanta bulchitoonni kudhan mandara tokkoof hin hojjenne, ogummaan nama ogeessa tokkoof hojjetti;
[20] haa ta'u iyyuu malee, namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru.
[21] Si abaaruu hojjetaa keetii haasaa keessa akka hin dhageenyetti, wanta namni dubbatu hunduma isaa yaadaan hin qabin!
[22] Atis si'a baay'ee nama akka arrabsite garaan kee iyyuu beeka.
[23] Ani“Wanta kana hundumaa ogummaadhaan qoree ogeessa nan ta'a” jedhee, nan yaade; garuu ogummaan anattii in fagaatte;
[24] wanta akkas iddoo fagoo jiruu fi wanta baay'ee gad fagoo ta'e, eenyutu barbaadee arguu danda'a”
[25] Kanaafan ani yaada koo gara beekumsaatti, gara waa qoruutti, gara ogummaa barbaaduutti, gara hundee waan hundumaatti, gara dadhabbii warra gowwootaa beekuutti, gara gowwummaa warra qalbii hin qabne hubachuutti deebise.
[26] Ani wanta du'a caalaa hadhaa'u nan arge; innis dubartii yaadni ishee akka kiyyoo fi futtaasaa ta'e, harki ishees akka funyoo sibiilaa ta'ee dha; namni Waaqayyo duratti gaarii ta'e ishee jalaa in ba'a; namni cubbamaan garuu isheedhaan in qabama.
[27] “Kunoo! Ani wanta kana walitti qabaa isaa argachuudhaaf, tokko tokkoon qoree argeera” jedha lallabichi.
[28] Wanta ani barbaadaa ture amma illee hin arganne; namoota kuma keessaa nama yaada qajeelaa qabu tokko argadheera, garuu isaan kana hundumaa keessatti dubartii yaada qajeelaa qabdu tokkittii illee hin arganne.
[29] Waaqayyo nama yaada qajeelaa qabu uume; namoonni immoo yaada baay'ee warra ofii isaaniitii qopheessan duukaa bu'uu in barbaadu. Kunoo, wanta ani qore hundumaa keessatti isa kana duwwaan arge.