Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:51

[1] Ani ofii kootii,“Mee dhaqeen gammachuu qoree, wanta gaariis ilaala!” jedhee nan ka'e; kunoo, kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha;

[2] “Kolfi maraatummaa dha, gammachuunis maal namaaf godha?” nan jedhe;

[3] daadhii wayniitiinis namummaa koo gammachiisuu nan yaade, yaadni garaa koo garuu amma iyyuu ogummaadhaan na geggeessaa jira; ani gowwaa fakkaadhee ilmaan namootaa bara muraasa itti biyya lafa irra jiraatan kanatti wanta gaarii gochuun isaaniif ta'u arguu barbaadeen ture.

[4] Ani hojii koo nan bal'ifadhe; manneen nan ijaarradhe, mukkeetii wayniis nan dhaabbadhe;

[5] iddoo dhaabaa nan tolfadhe, mukkeetiis nan dhaabbadhe; mukkeetii ija garaa garaa godhatanis achi keessa nan dhaabe.

[6] Mukkeetiin caakkicha keessaa akka ittiin obaafamaniifis kuufama bishaanii achitti nan tolche.

[7] Garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe, garboonni manatti dhalatanis jiru; warra ana dura Yerusaalem keessa jiraatan caalaa saawwan baay'ee fi bushaayee baay'ee qabaadheera.

[8] Meetii, warqee, badhaadhummaa mootonnii fi warri kutaa biyya garaa garaa bulchan qabaatanis walitti qabadheera; faarfatoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoota ilmaan namootaa itti gammadan baay'een qaba.

[9] Warra ana dura Yerusaalem keessa jiraatan caalaas guddadheera, ogummaan koos anuma biratti hafe.

[10] Wanta iji koo hawwe hundumaa ani hin dhowwanne, garaa koos gammaduu irraa hin dhowwine; wanta ani itti dadhabe hundumaatti garaan koo in gammada, wanta ani itti dadhabe hundumaa keessaa, kun qooda koo ture.

[11] Garuu wanta harki koo hojjetee fi wantan itti dadhabe hundumaa gara galee yommuun ilaalu, wanti kun hundinuu waa'ee hin baasu, akka nama qilleensa ari'uu tis; aduu jala wanti bu'aa qabu hin jiru.

[12] Ani kana irratti ogummaa, maraatummaa, gowwummaas deebi'ee ilaaluutti nan ka'e; namni, mootii tokko booddeedhaan mootii ta'uuf jiru, isa dur hojjetame irra kan caalu maal hojjechuu danda'a ree”

[13] Egaa ifni dukkana irra akkuma caalu, akkasuma ogummaan gowwummaa irra caaluu isaa nan arge;

[14] namni ogeessi yaada guutuudhaan in arga, namni gowwaan garuu, dukkana keessa deddeebi'a; wanti lachuu isaaniitti dhufu garuu tokkichuma akka ta'e hubadheera.

[15] Egaa,“Wanti nama gowwaatti dhufu anattis in dhufa erga ta'ee, maaliifan ogeessa ta'e ree?” jedheen garaa kootti yaade; kana irrattan, “Kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha” jedhe.

[16] Seenaan nama ogeessaa seenaa nama gowwaa irra caalee bara baraan hin yaadatamu; baroonni yommuu darban hundumti isaa in irraanfatama; namni ogeessi attamitti akkuma nama gowwaatti du'a ree!

[17] Wanti aduu jalatti hojjetamu waan na gaddisiiseefan jireenya jibbe; wanti hundinuu waa'ee hin baasu, akka nama qilleensa ari'uu tis.

[18] Nama isa na booddee dhufuuf dhiisuun giddii waan anatti ta'uufan wantan aduu jalatti itti dadhabee hojjedhe hundumaa jibbe;

[19] namichi sun nama ogeessa yookiis gowwaa ta'uu isaa eenyutu beeka” Garuu inni wanta ani aduu jalatti itti dadhabee ogummaadhaan hojjedhe irratti gooftaa in ta'a; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha.

[20] Kanaafan wanta harki koo aduu jalatti itti dadhabe hundumaaf deebi'ee garaa kutadhe;

[21] namni tokko ogummaa, beekumsaa fi harka-tolinaan wanta itti dadhabee hojjete hundumaa nama isa hin hojjetiniif dhiisuun giddii itti in ta'a; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, guddaas nama in gaddisiisa;

[22] namni wanta aduu jalatti itti dadhabee, garaa isaatiinis itti dhama'u hundumaa keessaa maal argata”

[23] Barri isaa hundinuu dhiphinaan, wanti inni itti dadhabus gaddaan guutuu dha; halkan illee yaadni isaa boqonnaa hin qabu; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha.

[24] Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha mitii ree” Kunis immoo harka Waaqayyoo keessaa akka dhufu nan arge;

[25] Waaqayyo biraa yoo ta'e malee, eenyutu nyaachuu yookiis gammaduu danda'a ree”

[26] Waaqayyo nama isa duratti gaarii ta'eef ogummaa, beekumsa, gammachuus in kenna; isa namni cubbamaan walitti qabee tuule garuu, Waaqayyo nama isa duratti gaarii ta'eef akka inni kennu in godha; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis.

Macaafa Lallabaa — Chapters