[1] Bara baay'ee booddee deebitee waan argattuuf, midhaan kee bishaan irra ceesisii nama biyya fagoo jiruun ga'i!
[2] Wanti hamaan attamii lafa irratti akka dhufu waan hin beekneef, nama torbaaf yookiis saddeetiif isa hiri!
[3] Bokkaan duumessa keessa yommuu guutu lafa irratti in rooba; mukti gara mirgaatti yookiis gara bitaatti yoo jige, iddoodhuma itti jige sana in ciisa.
[4] Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin danda'u; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin danda'u.
[5] Karaa qilleensi irra adeemu yookiis gadameessa keessatti baanaan attamitti mucaa akka ta'u akkuma beekuu hin dandeenye, akkasuma Waaqayyo inni waan hundumaa hojjetu kan godhu beekuu hin dandeessu.
[6] Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganamaan facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu ta'a.
[7] Ifni ba'eessa, aduu ilaaluunis ijatti in tola;
[8] namni bara itti jiraatu hundumaatti haa gammadu! Garuu barri dukkanaa baay'achuuf akka jiru haa yaadatu! Wanti dhufu hundinuu waa'ee hin baasu.
[9] Yaa dargaggeessaa, dargagummaa keetti gammadi! Bara dargagummaa keettis garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti adeemi, wanta iji kee argu duukaas bu'i! Garuu Waaqayyo wanta kana hundumaaf gara firdiitti akka si dhi'eessu beeki!
[10] Mucummaanii fi dargagummaan waan darbaniif, yaaddoon si irraa haa fagaatu, dhagna kee keessaas dhibeen haa badu!