[1] Namni ogeessi hiikaa wanta kanaa beekuu danda'u jiraa” Ogummaan namaa fuula isaa in ibsaaf, nyaara isaas in hiikaaf.
[2] Ati Waaqayyo duratti mootiidhaaf waan kakatteef, wanta inni si abboomu akka gootu sin gorsa.
[3] Fuula mootii duraa ariitiidhaan hin adeemin, inni wanta jaallate gochuu waan danda'uuf, dubbii hin taaneefis hin dhaabatin!
[4] Mootiin aboodhaan waan dubbatuuf, namni,“Ati maaliif kana goota?” ittiin jedhu hin jiru;
[5] nama abboommii isaa eegutti wanti hamaan hin dhufu; garaan nama ogeessaa yeroo itti waa hojjetanii fi akka itti hojjetan beeka.
[6] Wanti hamaan nama irra ga'ee yoo itti jabaate iyyuu, wanti ta'u hundinuu yeroo itti ta'uu fi akka itti ta'u qaba;
[7] namni wanta ta'uuf jiru hin beeku, yeroo inni itti ta'uuf jirus eenyutu isatti himuu danda'a”
[8] Namni hafuurri akka hin yaane abboomuu hin danda'u; akkasumas namni guyyaa du'aa irratti gooftummaa hin qabu; akkuma yeroo lolaatti loltuun gad dhiifamuu hin dandeenye, wanti hamaan warra isatti qabaman gad hin dhiisu.
[9] Ani wanta kana hundumaa argeera; wanta aduu jalatti ta'u hundumaas qoree bira ga'eera; yeroon inni tokko warra kaan irratti mo'ee isaan miidhus jira.
[10] Ergasiis warri hamoonni iddoo qulqullaa'aadhaa gad ba'aa, ol galaa turan akka awwaalaman nan arge; naannoon isaan jal'ina keessatti hojjechaa turanis isaan hin yaadatu; kunis wanta waa'ee hin baafnee dha;
[11] adabni warra wanta hamaa hojjetan irra dafee waan hin geenyeef, garaan ilmaan namootaa guutummaatti wanta hamaa hojjechuutti in jabaata.
[12] Namni cubbamaan si'a dhibba hamaa hojjetee bara dheeraa yoo jiraate illee, warri Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura jiraatan isa caalaa gaariitti akka jiran ani beeka.
[13] Namni hamaan garuu Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura waan hin deddeebineef, bara isaa akka gaaddisaa dheereffachaa hin adeemu.
[14] Wanti waa'ee hin baafne lafa irratti hojjetamu tokko jira; innis, isa wanta namoota qajeelotaaf ta'u warri jal'oonni argatanii, isa warra jal'ootaaf ta'u immoo warri qajeelonni argatanii dha; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha.
[15] Namni bara lafa irra jiraatutti nyaatee, dhugee, gammaduu irra kan caalu qannoon waan hin jirreef, ani gammachuu nan jaja; gammachuun kun bara isa Waaqayyo lafa irratti akka namni itti dadhabee hojjetuuf kenneef kana keessatti isa bira kan jiruu dha.
[16] Ani ogummaa qoree baruuf, wanta lafa irratti hojjetamus arguuf yaada koo irra kaa'eera; namni kana qoruu barbaadu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatu;
[17] ergasiis ani wanta Waaqayyo aduu jalatti hojjete hundumaa namni tokko illee hubachuu akka hin dandeenye nan arge; namni hamma fedhe illee itti yaadee yoo qore, hiikaa wanta lafa irratti ta'aa jiruu argachuu hin danda'u; namni ogeessi kana kan beeku yoo of se'e iyyuu, qoree bira ga'uu hin danda'u.