[1] Mana Waaqayyootti yommuu ol lixxu miilla kee eeggadhu! Dhaga'uudhaaf ol lixi! Dhaga'uun aarsaa isa warri gowwoonni dhi'eessan irra in caala; isaan waan hamaa akka hojjetan iyyuu hin beekan.
[2] Afaan keetiin hin ariifatin, Waaqayyo duratti waa dubbachuudhaafis yaadaan hin jarjarin! Waaqayyo waaqa irra jira, ati garuu lafa irra jirta, kanaaf dubbiin kee muraasa haa ta'u!
[3] Baay'inni hojii abjuu namatti fida, haasaan nama gowwaa dubbii baay'inaan beekama;
[4] Waaqayyoof wareega yommuu wareegdu dafii raawwadhu! Inni warra gowwootatti hin gammadu waan ta'eef, ati immoo akka warra gowwootaa utuu hin ta'in wanta wareegde raawwadhu!
[5] Isa wareegdu raawwachuu dhiisuu irra, wareeguu dhiisuu siif wayya;
[6] arrabni kee wanta cubbuutti si geessu akka hin dubbanneef of eeggadhu! Ergamaa durattis,“Wanta kana utuun hin beekinan godhe” hin jedhin! Maaliif dubbii keetiin Waaqayyoon dheekkamsiiftee hojii harka keetii akka inni balleessu goota”
[7] Abjuu baay'ee fi dubbii baay'ee keessa wanta waa'ee hin baafne baay'eetu jira, ati garuu Waaqayyoon sodaadhu!
[8] Hojjetaan mootummaa inni isa tokko gara irraa jiru, isa isaa gadii in eega, isaan lamaan gara irraa kan jirus isaan in eega waan ta'eef, kutaa biyya tokkoo keessatti hiyyeessota cunqurfamanii, firdii qajeelaanii fi wanti isaaniif ta'u isaan irraa fudhatame yoo argite hin dinqisiifatin!
[9] Gara kamiin iyyuu taanaan bu'aan biyya tokkoo mootii qabaachuu ishee ti; mootichis lafti qotamu nagaatti akka eegamu in godha.
[10] Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waa'ee hin baafne dha;
[11] qabeenyi yommuu baay'atu, warri isa nyaatanis in baay'atu; inni hore garuu ija isaatiin ilaaluu malee maal bu'aa qaba”
[12] Namni hojjetaan muraasa nyaatus baay'ee nyaatus, hirriba gaarii qaba; baay'inni qabeenyaa garuu hirriba nama dhowwa.
[13] Wanti hamaan ani aduu jalatti arge tokko immoo, isa namni badhaadhummaa tuulee deebi'ee ittiin miidhamuu dha;
[14] badhaadhummaan sun garuu, gar malee ittiin hojjetamee in bada; namichi immoo yeroo itti ilma godhatutti harka isaa duwwaa in hafa.
[15] Qullaa isaa garaa haadha isaa keessaa akkuma ba'e, akkasuma qullaa isaa biyyootti in deebi'a; wanta itti dadhabe keessaa tokko illee harkatti qabatee hin deebi'u.
[16] Wanti akkasii kun baay'ee kan nama gaddisiisuu dha; akkuma dhufetti akkasumatti immoo biyyootti in deebi'a; wanti inni itti dadhabee hojjete akka waan qilleensi fudhatee erga ta'ee, kun maal bu'aa qabaaf ree”
[17] Inni bara jireenya isaa hundumaa dukkana keessa in jiraata; gaddi guddaan, dhukkubni, aariinis isatti in dhufa.
[18] Kunoo, namni bara jireenya isaa ishee muraasa Waaqayyo lafa irratti kenneef kana keessatti nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabe hundumaattis gammaduun, wanta gaarii fi miidhagaa ta'ee nan arge; qoodni isaas kanuma.
[19] Waaqayyo badhaadhummaa fi qabeenya namaaf kennee, akka namni ga'aa isaa fudhatee, wanta itti dadhabetti gammadu gochuun kennaa isaa ti;
[20] Waaqayyo gammachuu garaa isaaf waan kennuuf, namni bara jireenya isaatii badhaadhuma iyyuu hin yaadatu.