Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:31

[1] Xiberyoos mooticha te’ee woggaa kudhanii shaneesso’ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda’aa, Heroodis biyya Galiila’aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya’aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya’aatitti bulchitoota biyyaa te’ane.

[2] Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te’aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakkaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte.

[3] Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, «Cubbuu teessan irraa deebi’aatii cuuphama’a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhee lallabe.

[4] Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, «Nami tokko goomolee keessatti, ‹Karaa Gootta’aa qopheessa’a; daandii inni irra ideemu qajeelcha’a!

[5] Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti.

[6] Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga›» jedhee barreesseera.

[7] Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, «Isin ilmaan buuti’ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?

[8] Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhissu tolcha’a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka’ina’a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande’u ani isinitti hima.

[9] Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama» jedhe.

[10] Jennaan kolbaan, «Yoona nuuti maan tolchinu ree?» jettee Yohaannis gaafatte

[11] Inni deebisee, «Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle warra hin qanne woliin qoodamuu ti» jedhe.

[12] Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, «Barsiisa’a, nuuti maan tolchinu?» jedhanee isa gaafatane.

[13] Yohaannis isaaniin, «Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina’a» jedhe

[14] Loltooti gariin, «Nuuti hore? Maan goona?» jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, «Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina’a, eennulle dharaan hin himatina’a, mindaan keesssan isiniif gewuu ti» jedhe.

[15] Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, «Yohaannis Masiihii te’innaa?» jettee mante.

[16] Yohaannis, «Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka ana caalu ammoo ana duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te’uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha.

[17] Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara’atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba» jedhe.

[18] Yohaannis karaa adda addaa heddu’uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe.

[19] Heroodisiin bulchaan, Herodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe.

[20] Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha’aatitti galche.

[21] Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee,

[22] Ayyaanni Woyyichi bifa saphaliisaatiin dhufee isa irra bu’e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaallatama’a. Ani si’itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage’ante.

[23] Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eeli’ii isa seete.

[24] Eeliin ka Maataa’aa, Maataan ka Leewwi’ii, Leewwiin ka Malki’ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii,

[25] Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee,

[26] Naageen ka Maa’aatii, Maa’aati ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme’ii, Seeme’i ka Yoosee’ee, Yooseen ka Yooda’aa,

[27] Yoodaan ka Yo’anaanii, Yo’anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati’elii, Salaati’el ka Nerii

[28] Neriin ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii,

[29] Eer ka Yoshu’aa, Yoshu’aan ka Elii’ezaarii, Elii’ezaar ka Yooraamii, Yooraam ka Maataatii, Maataat ka Leewwii,

[30] Leewwiin ka Simi’oonii, Simi’oon ka Yihuda’aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaam, Yoonaam ka Eliyaaqimii,

[31] Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawwitii,

[32] Daawwit ka Iseyii, Iseyi ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo’azii, Bo’az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii,

[33] Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaraamii, Aaraam ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda’aa, Yihudaan ka Yaaqoobii,

[34] Yaaqoob ka Yisihaaqii, Yisihaaqi ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara’aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Serugii,

[35] Serugi ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Eberii, Eber ka Shala’aa, Shalaan ka Qaayinaamii,

[36] Qaayinaam ka Arfaakisaadii, Arfaakisaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laameki ka Matusaala’aa,

[37] Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalaalelii, Mahalaaleli ka Qaayinaanii, Qaayinaan ka Enoshii,

[38] Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti.

Luqaas — Chapters