[1] Yesuus barattoota ifiitiin, «Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama guffachiisu saniif aanne’e!
[2] Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha guffachiisu’uu mannaa, dhakaan daaku’uu morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo’otti adoo gatamee isaaf woyya.
[3] Maarre isin ifi eeggadha’a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi; yoo inni yakka ifii irraa deebi’e isaaf araaram.
[4] Guyya’atti yennaa torba si yakkee, guyya’atti yennaa torba deebi’ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakka irraa deebi’eera› yoo si’iin jedhe isaaf araaram» jedhe.
[5] Ergantooti Gootta’aan, «Dhugeeffannaa teenna ede’i» jedhane.
[6] Goottaan deebisee, «Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici’ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‹Hiddaan buqqa’ii abbaayaa guddoo keessatti dhaabami!› yoo jettane, innille isiniif hin ajajama» jedheen.
[7] Yesuus, «Isin keessaa nami tokko tajaajilaa qotii qotu yookiin hoolee tissu yoo qabaate, tajaajilaan sun addee huji’iitii yennaa galu, ‹Koy as tee’ii sagalee nyaadhu!› hin jedhaanii?
[8] Addee tana jedhu, ‹Sagalee anaaf qopheessii, haga ani nyaadhee unutti woyaa teeti marxifadhuu anaaf ergami! Achiin duuba atille hin nyaata hin unta› hin jedhaanii motii?
[9] Inni, tajaajilaa kana waan inni isa ajaje waan muummesseef hin galateeffataa?
[10] Maarre isinille waan ajajantane maraa yennaa muummessitane, ‹Nuuti tajaajiltoota woy hin baane; nuuti waan tolchu’uu malle callaa tolchine› jedha’a!» isaaniin jedhe.
[11] Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya’aatii fi Galiila’aatiin dabare.
[12] Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee,
[13] qonqoo guddo’oon, «Yesuus! Gootta’a! Nuu nayi!» jedhaneen.
[14] Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa’aatii hayyootatti ifi mudhisa’a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane.
[15] Isaan keessaa tokochi akka fayye yenna dhagge, qonqo’oo guddo’oon Waaqa galateessaa, deebi’ee dhufe.
[16] Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya’aa ti.
[17] Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meeti ree?
[18] Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi’e hin jiruu?» jedhee gaafate.
[19] Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka’ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.
[20] Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, «Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu.
[21] Eennulle, ‹Ilaa, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa jirti» jedhe.
[22] Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu.
[23] Namooti isiniin, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina’a; faanalle hin fiigina’a!
[24] Akkuma balaqqeettiin gubba’aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te’a.
[25] Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu’uu fi jibbamuu qaba.
[26] «Bara Nohiititti akkuma te’ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te’a.
[27] Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo’otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi’iille dhufee isaan maraa balleesse.
[28] Bara Looxiille akkuma kana te’e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte.
[29] Guyyaa Looxi Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe’u ol-gubba’aa roobee isaan maraa fixe.
[30] Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te’a.
[31] «Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka meyi isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu’ee gara manaa hin deebi’in.
[32] Haadha manaa ta Looxii qaabbadha’a!
[33] Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata.
[34] Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa.
[35] Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti.
[36] [Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa]» jedhe.
[37] Barattooti isaa, «Gootta’a, eessatti?» jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, «Addee reeffi jirutti allaatiin yaati» jedhe.