Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:24

[1] Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare.

[2] Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa.

[3] Yesuus kam akka te’e beekiisaaf barbadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne.

[4] Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi’iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe.

[5] Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu’i» jedheen.

[6] Maarre inni dafee gad bu’ee gammadaan Yesuus fudhate.

[7] Worri kana dhagge maraa, «Inni keessummumma’aaf mana cubbichaa dhaqe» jedhee gungume.

[8] Zakkewoos ol ka’ee dhaabbatee Gootta’aan, «Gootta’a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeyyi’iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf» jedhe.

[9] Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te’eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera.

[10] Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe.

[11] Adoo isaan tana dhage’iisatti jiranuu, Yesuus Yerusaalemitti waan dhikaateeruuf, sababa kolbaan mootummaan Waaqaa yennuma san waan mudhattu seetertuuf, itti mammaakee,

[12] «Nami ulfinnaa tokko mootii te’ee deebi’iisaaf, biyya fago’oo dhaqe.

[13] Inni tajaajiltoota ifii keessaa kudhan waamee, saantimii worqi’ii kudhan itti kennee, ‹Haga ani deebi’utti daddala’aatii bu’aa buusa’a› jedhe.

[14] Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‹Namichi kun akka mootii keenna te’u nuuti hin barbaannu› jettee ergantoota isa faana ergite.

[15] «Nami ulfinnaa sun mootii te’een duuba deebi’ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu’aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise.

[16] Tajaajilaan duraa dhufee, ‹Gootta’a, saantimii worqi’ii ta ati anatti kenniteen, saantimii worqi’ii harka kudhaan buufadheera› jedheen.

[17] Mootichi isaan, ‹Tajaajilaa kiyya dansa’a, dansaa goote! Waan akka malee diqqoo irratti waan addatanteef, ani qachoota gugurdoo kudhan irratti itti gaafatamummaa si’iif hin kenna›

[18] Tajaajilaan lammeesso’oolle dhufee, ‹Gootta’a, saantimii worqi’ii ta ati anatti kenniteen harka shan buufadheera› jedhe.

[19] Motichi isaan, ‹Atille, qachoota gugurdaa shan irratti itti gaafatamaa hin teeta› jedhe.

[20] Achiin duuba tajaajilaan dhibiin dhufee, ‹Gootta’a, saantimiin worqi’ii teeti kunoo ti; hoccu’uun maree dhosseera.

[21] Ati nama hamaa waan teeteef ani si sodaadhe. Ati waan hin kuufatin fudhata, waan hin facaasinille haammatta› jedhe.

[22] Goottaan isaa, isaan, ‹Tajaajilaa hama’a! Waanuma ati dubbatteen sitti mura. Ani nama hamaa akka te’e, waan hin kuufatin ka fudhadhu, waan hin facaasin ka haammadhu akka te’e eega beettee,

[23] beesee tiyya worra dhalaan liqeeffatutti maaf hin kennine ree? Silaa yennaa deebi’e, dhala woliin hin fudhadhaayyu› jedhe.

[24] Achiin duuba inni worra achi dhaabbateeruun, ‹Saantimii worqi’ii san isa irraa fuudha’aatii tajaajilaa saantimii worqi’ii kudhan qabuuf kenna’a!› jedhe.

[25] Isaan ammoo, ‹Gootta’a, inni duruu kudhan qaba!› jedhaneen.

[26] Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf itti dabalamee hin kennama; nama hin qanne ammoo ka inni qabuuyyu irraa hin fudhatama.

[27] Amma ammoo dinoota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii hin teene barbaadane, as fida’aatii ila tiyya duratti gorra’aa!› jedheen» jedhe.

[28] Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme.

[29] Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage’ee fi Bitaaniya’atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin,

[30] «Gara olloota isiniin duraa dhaqa’a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre’ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika’aatii as fida’a.

[31] Eennulle, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta’atti barbaada› jedha’aan» jedhe.

[32] Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane.

[33] Adoo isaan ilmayyoo harre’ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre’ee, «Maaf ilmayyoo harre’ee hiittan?» jedhee isaan gaafate

[34] Isaan deebisanee, «Gootta’atti barbaada» jedhane.

[35] Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane.

[36] Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara’atti atte.

[37] Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggitte maraaf gammaddee, qoonqoo guddo’oon,

[38] «Mootiin maqaa Gootta’aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba’atti nageenni, olii ol-gubba’aatille ulfinni te’u!» jedhaa Waaqa galateeffatte.

[39] Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, «Barsiisa’a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!» Yesuusiin jedhane.

[40] Yesuus ammoo deebisee, «Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan» jedhe.

[41] Yesuus itti dhikaatee qachaa Yerusaalemii yennaa dhagge, booyeefii,

[42] «Adhumalle waan nageya si’ii fidu adoo beettee jiraattaa! Amma ammoo ila teeti duraa dhokateera!

[43] Guyyooti diinoti keeti dalleya marsanee sitti ijaaranee, si marsanee, karaa maraan sitti cufanu hin dhufa.

[44] Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si’ii fi ijoollee teeti ta dalleyya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si’iif hin lakkisanu.

[45] Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra achitti wo gurguratu alatti yaase.

[46] Inni isaaniin, «‹Manni kiyya mana daadimataa te’a› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu’uu gootane» jedhe.

[47] Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Moototi hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba’aa isa ijjesiisaaf barbaadane.

[48] Te’uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu’uun dubbii isaa dhage’iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne.

Luqaas — Chapters