[1] Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage’iisaaf gara isaa dhufane.
[2] Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, «Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille’een nyaata» jedhanee itti gungumane.
[3] Tanaaf Yesuus itti mammaakee,
[4] «Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu?
[5] Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee,
[6] gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‹Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada’a!› hin jedha.
[7] Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi’iisi hin barbaachine caalaa, cuubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi’e ol gubba’atti gammadi guddaan hin te’a» jedhe.
[8] Yesuus itti aansee, «Dubartiin saantii maallaqaa kudhan qaddu takka kudhan san keessaa takkaan yoo badde, ifa issitee, mana ifii hartee haga dhaggitutti miidhassitee hin barbaaddii motii?
[9] Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‹Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada’a!› isaaniin hin jetti.
[10] Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi’u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.
[11] Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba.
[12] Maandhichi abba’aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu anaaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode.
[13] Guyyoota diqqa’aan duuba ilmi maandhichi karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago’oo deeme; achitti le’ii badduu le’isaan karra ifii mara bittaneesse.
[14] Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate.
[15] Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge.
[16] Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.
[17] Duuba gara yaada ifii deebi’ee, ‹Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du’aara.
[18] Ka’ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan, Ani Waaqaa fi si yakkeera;
[19] haganaan achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu› jedhaan» jedhe.
[20] Maarre inni ka’ee gara abbaa ifii deebi’e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
[21] Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani Waaqaa fi si yakkeera. Haganaan achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen.
[22] Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha’aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida’aatii itti uffisa’a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya’a!
[23] Achiin duuba dardara coomaa fida’aatii qala’a, nyaataa jilifanna.
[24] Ilmi kiyya kun du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.
[25] «Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi’ee manatti dhikaate weeddu’uu fi sirba dhage’e.
[26] Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, «Maanti maan te’e?» jedhee gaafate.
[27] Tajaajilaan deebisee, ‹Obboleessa keetittuu deebi’ee gale; waan inni nageyaa fi fayya’aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise› jedheen.
[28] Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate.
[29] Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‹Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si’iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re’e’eelle ijjumaa anaaf kennitee hin beettu!
[30] Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi’ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!› jedhe.
[31] Abbaan deebisee, ‹Ilma kiyya, ati yennaa mara ana woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti.
[32] Obboleessi keeti kun ammoo du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qana› jedheen» jedhe.