Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:55

[1] Galma Waaqaa keessatti dureeyyiin subba kennansi itti kuufamu keessa, kennansa ifii buuttuun, Yesuus midhatee dhagge.

[2] Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takkalle saantimii sibiila diima’aa didiqqoo lamaan keessa buuttuun dhagge.

[3] Inni, «Ani dhugumaan isinitti hima, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun isaan mara caalaa keessa buutte.

[4] Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti’iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte» jedhe.

[5] Barattooti gariin Galmi Waaqaa dhakoota dadansa’aa fi kennansa Waaqaaf kennameen attam akka seefame dubbatane. Yesuus ammoo,

[6] «Wonni isin dhaggitanu kun maraa, dhakaan tokochille wol irratti hin hafu; yennaan inni itti diigamu hin dhutti» jedhe.

[7] Isaan, «Barsiisaa, kun yoom te’a? Wonni kun te’iisaaf akka dhikaate beekiisaaf beessisi te’uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane.

[8] Yesuus deebisee, «Akka hin sobanne ifi eeggadha’a! Namooti hedduun, ‹Ani Kiristos, Yennaalle dhikaaterti!› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isin ammoo isaan hin hordofina’a!

[9] Woraanaa fi worraaqa kolba’aa yennaa dhageettane hin sodaatina’a! Wonni akkasii kun dursee te’uu male; ammoo muummeen yoosuma hin teetu» jedhe.

[10] Inni itti aansee, «Gosi gosatti, mootummaan mootumma’atti hin kaati;

[11] tacho’i lafaa guddaan, beeltii fi dhukkubi hamaan addee adde’etti hin te’an; wonni sodaachisuu fi beessisi gugurdaalle ol-gubbaa irraa hin mudhatan.

[12] Wonni kun maraa adoo hin te’in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan; gara mana waaqeffaannaa Yihudootaatii fi mana hidha’aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan.

[13] Kunille karaa dhugaa anaa ittiin baatanu isiniif hin te’a.

[14] ‹Maan jennee falmanna› jettanee akka hin yaanneef gadha’atti qabadha’a!

[15] Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna.

[16] Haadhoti’ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoottanii fi lansooti teessanuu dabarsanee isin hin kennan; isin keessaa garii hin ijjeesan.

[17] Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba.

[18] Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkochille hin badu.

[19] Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan» isaaniin jedhe.

[20] Yesuus itti aansee, «Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi’ii akka dhikaate hin beettan.

[21] Yennaa san worri Yihudaa keessa jiranu gara gaarotaatitti baqatanuu ti; worri qachaa keessa jiranulle keessaa bayanuu ti, worri baadiyyaa jiranulle qacha’atti hin deebi’in.

[22] Guyyooti kun, ta barreeffante maraa akka muummottuuf, guyyoota adabbi’ii ti.

[23] Guyyoota sanitti dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne’e! Lafa tana irratti rakkinni hamaan, kolbaa tana irrattille mufiin hin dhutti.

[24] Gariin goraade’een hin du’an, kuun gara biyya maraa hin booji’aman. Worri Yihudoota hin te’in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan» jedhe.

[25] Yesuus itti aansee, «Beessisi aduu, ji’aa fi urjoota irratti hin te’a. Bulpheessa abbaayya’aatii fi danbali’iitiin ka ka’e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti.

[26] Hunnooti ol-gubba’aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi.

[27] Achiin duuba Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda’aan duumensa keessa dhufuun hin dhaggan.

[28] Kun maraa te’iisa yennaa jalqabu, fayyinni keessaan waan dhikaateeruuf, ka’aa dhaabbadha’aatii mataa keessan ol qabadha’a» jedhe.

[29] Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Muka harru’uutii fi mukoota maraa ilaala’a.

[30] Yennaa baalli isaanii quunxuun dhaggitane, bonni akka dhikaate beettan.

[31] Maarre isinille, tun maraa teetuun yennaa dhaggitane, mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka’a.

[32] Ani dhugumaan isinitti hima, tun maraa haga muummottutti dhalooti kun hin taru.

[33] Ol-gubba’aa fi latti hin taran, Jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru» jedhe.

[34] Yesuus itti aansee, «Akka malee nyaataa fi machi’iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo’oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha’a!

[35] Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa.

[36] Waan te’uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha’aa, yennaa mara daadimadha’a!» jedhe.

[37] Yesuus guyyaa guyyaa Galma Waaqaa keessatti barsiisee, halkan halkan gara gaara ejersaa jedhamu gubbaa dhaqee bule.

[38] Kolbaan martinuu dubbii isaa caqasiisaaf barii halkaniin kaatee gara Galma Waaqaa dhaqaa turte.

Luqaas — Chapters