Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:53

[1] Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaateertiiyyu.

[2] Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse’ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane.

[3] Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te’e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene.

[4] Maarre Yihudaan dhaqee mootota hayyootaatii fi qondaaltota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif keennu mari’ate.

[5] Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane.

[6] Marre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif keenniisaaf, yennaa dagu’uu barbaadatiisatti ka’e.

[7] Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye.

[8] Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa’aatii nu’uuf qopheessa’a!» jedhee erge.

[9] Isaan, «Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jedhanee isa gafatane.

[10] Inni deebisee, «Yennaa gara qacha’aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba’atee isin hin wolde’a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa’a.

[11] Abbaa manaatiin, ‹Kolloon keessumma’aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si’iin jedha barsiisaan› jedha’a.

[12] Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu’uuf qopheessa’a!» jedheen.

[13] Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteeruun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.

[14] Sa’aatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori’itti hiiqee tee’e.

[15] Inni isaaniin, «Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera.

[16] Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi’ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu» jedhe.

[17] Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, «Ho’aa, qoodama’a!

[18] Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyini’ii irraa hin unu» jedhe.

[19] Xaltaa daabbo’oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha’a!» jedhaa isaanitti kenne.

[20] Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala’een, gondooroo haareya.

[21] Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira!

[22] Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du’a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne’e!» jedhe.

[23] Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te’e wol gagaafatane.

[24] Isaan keessalle’ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate.

[25] Yesuus isaaniin, «Moototi worra Yihudoota hin te’inii kolbaa ifii hin mooyan; bulchitooti isaaniille, ‹Bu’aa buuttuu kolba’aa› ifiin jedhan.

[26] Isin keessatti ammoo akkas hin te’in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te’uu ti; sooressille akka tajaajila’aa te’uu ti.

[27] Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee’u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee’uu motii? Ani ammoo isin oddu’utti akka areertu’uu ti.

[28] Isin worra rakkinna kiyya keessatti ana woliin turtane.

[29] Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa.

[30] Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma’aa irra teettanee gosa Israa’elii kudhanii lama irrattille hin murtan» jedhe.

[31] Yesuus, «Simoon, Simoon, dhage’i! Seexanni isin maraa akka qamadi’ii wobansiisaaf gaafateera.

[32] Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si’iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe.

[33] Pheexroos ammoo, «Gootta’a, ani si woliin gara mana hidha’aa dhaqiisaa fi du’iisaafille qophoyeera» jedhe.

[34] Yesuus deebisee, «Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee ana hin mormatta» jedheen.

[35] Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, ‹Womaa hin dhidhanne!» jedhane.

[36] Yesuus isaaniin, «Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami goraadee hin qanne woyaa ifii gurguree goraadee bitatuu ti.

[37] Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, ana irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe.

[38] Barattooti, «Ilaa, Gootta’a, goraadeen lamaan as jira» jedhane. Jennaan inni deebisee, «Hin geya!» jedhe.

[39] Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane.

[40] Addee san yennaa geye, isaaniin, «Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha’a!» jedhe.

[41] Achiin duuba haga qolansaa dhaka’aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee,

[42] «Abba’a, yoo fedha keeti te’e, muduunuu rakkinnaa tana ana irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te’in, akka fedha keetii te’uu ti!» jedhee daadimate.

[43] Achiin duuba ergamaan ol-gubba’aa mudhatee isa jajjabbeesse.

[44] Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe.

[45] Daadimata irraa ka’ee gara barattootaa yennaa deebi’ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge.

[46] Inni isaaniin, «Maaf rattan? Akka ataabe’etti hin galle ka’aatii daadimadha’a!» jedhe.

[47] Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate.

[48] Yesuus ammoo, «Yihuda’a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?» jedheen.

[49] Worri Yesuus woliin jiranu waan te’aaru yennaa dhaggane, «Gootta’a, gorade’een dhoonnuu?» jedhane.

[50] Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda’aa dhowee, gurra middaa irraa kute.

[51] Yesuus ammoo, «Lakkisa’a! Tun hin dabalamin» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.

[52] Achiin duuba Yesuus mootota hayyootaa, qondaltota eedduu Galma Waaqaatii fi manguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, «Akka ani alagala’aa goraade’ee fi ulee-jirma qabattanee ana qabiisaaf dhuttanee?

[53] Guyyuma guyya’aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin ana hin qanne. Amma ammoo, sa’aatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu» jedhe.

[54] Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda’aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe.

[55] Yennaa isaan dalleya wodhakka’atti ibidda gabbissanee wolitti dacha’anee tee’ane, Pheexroosille isaan woliin tee’e.

[56] Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee’eeruun isa dhaggitee, hubattee, «Namichi kunille isa woliin jiraayyu» jette.

[57] Inni ammoo, «Intaa, ani isa hin beeku» jedhee mormate.

[58] Yennaa diqqo’oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. Pheexroos ammoo, «Namicha, anaa moti!» jedhe.

[59] Gara sa’aatii takka’aatiin duuba nami dhibiin, «Nama Galiila’aa waan te’eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu» jedhee itti jabeesse.

[60] Pheexroos ammoo, «Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!» jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite.

[61] Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta’aa, ka duri inni isaan, «Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin ana hin mormatta» jedhe qaabbatee,

[62] gad bayee laaleffatee booye.

[63] Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane.

[64] Ila isaa hidhanee, «Eentu si dhowe? Raagi me!» jedhaa isa gaafatane.

[65] Waan hedduu jedhaa isa arrassane.

[66] Yennaa latti bariite maanguddooti kolba’aa, moototi hayyootaatii fi barsiisooti Seera Muse’ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti’ii duratti dhikeessane.

[67] Isaan, «Masiihiin si’ii? Nutti himi!» jedhane. Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu;

[68] yoo ani isin gaafadhelle anaaf hin deebittanu.

[69] Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande’uutitti hin tee’a» jedheen.

[70] Isaan martinuu, «Ati Ilma Waaqaatii ree?» jedhane. Inni deebisee, «Te’uu kiyya isinuu jettane» jedhe.

[71] Jennaan isaan, «Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?» jedhane.

Luqaas — Chapters