[1] Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhane barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee:
[2] «Abbaan mura’aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessinne tokko qachaa tokko keessa jira.
[3] Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna’aan gara isaa deddeebi’aa, ‹Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa anaaf muri› jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti.
[4] Abbaan mura’aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‹Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle,
[5] haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa ana hin hifachiinne isi’iif hin mura› jedhee ifiin dubbate» jedhe.
[6] Goottaan, «Waan abbaan mura’aa jallaammessi sun jedhe dhage’aa!
[7] Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan gargarsaaf hin hancaaraa?
[8] Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te’uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe.
[9] Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee:
[10] «Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Farisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru.
[11] Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqayyo, ani akka worra dhibi’ii: saantuu, jallaammeessa, gaarayyeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te’uu dhabeef si galateeffadha.
[12] Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle’ee kudhan keessaa tokko si’iif kenna› jedhee daadimate.
[13] Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba’aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqayyo, ana cubbicha marari!› jedhe.
[14] Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe.
[15] Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa’immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane.
[16] Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, «Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa’a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina’a.
[17] Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa’imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu» jedhe.
[18] Bulchaan Yihudootaa tokko, «Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?» jedhee Yesuus gaafate.
[19] Yesuus deebisee, «Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru.
[20] Ati ajaja, ‹Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba’aa fi haadha teeti ulfeessi!› jedhu hin beetta» jedhe.
[21] Namichi deebisee, «Kana maraa ijoollumma’aan jalqabee eeggadheera» jedhe.
[22] Yesuus yennaa kana dhage’e namichaan, «Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi’iif qoodi, ol-gubba’atti hin duroonta; achiin duuba kooyiitii na hordof!» jedhe.
[23] Namichi ammoo yennaa tana dhage’e, guddoo dureessa waan te’eef, guddoo gadde.
[24] Yesuus akka namichi gadde dhaggee, «Worra dureeyyi’iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam atam rakkisa’a!
[25] Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa liimoo keessa hulluuqiisatti irra kaso’o» jedhe.
[26] Worri kana dhage’e, «Yoona eentu fayyuu dande’a ree?» jedhee gaafate.
[27] Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande’ane Waaqaaf hin dande’anti» jedhe.
[28] Achiin duuba Pheexroos, «Kunoo, nuuti qe’ee teenna lakkinnee si hordonneerra» jedhe.
[29] Yesuus deebisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin hadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkisse,
[30] bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata» isaaniin jedhe.
[31] Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi’itti fuudhee, «Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti.
[32] Inni harka worra Yihudoota hin te’iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan.
[33] Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du’aa hin ka’a» isaaniin jedhe.
[34] Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
[35] Yesuus Yeriko’otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee’ee kadhatiisatti jiraayyu.
[36] Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage’ee, waan te’isatti jiru gaafate.
[37] Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane.
[38] Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawwitii na marari!» jedhee iyye.
[39] Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawwitii, na marari!» jedhee iyye.
[40] Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate,
[41] Yesuus «Maan akka ani si’iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe.
[42] Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen.
[43] Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.