Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:46

[1] Ani Kristosiin dhugaadhuman dubbadha; ani hin sobu, yaadni garaa koos hafuura qulqulluudhaan dhugaa anaaf ba'a.

[2] Wanti ani dubbadhu, wanti yaadni garaa koo dhugaa anaaf ba'us, gadda guddaa akkan qabu, gaddi kunis utuu gargar hin citin garaa koo kan na dhukkubsu akka ta'ee dha.

[3] Isaan in gargaara yoo ta'e, sababii obboloota koo warra foon koo fi dhiiga kootiif jedhee, ofii kootii Kristosittii gargar kutamee utuun abaaramee iyyuu nan jaalladhan ture.

[4] Isaan saba Israa'el; ilmummaan, ulfinni isaa, kakaan yeroo yerootti kakatame, seerri, waaqessuun, abdiin garaa garaas isaaniif kennaman.

[5] Abboonni qomoo kan isaanii ti; akka firooma fooniittis Kristos qomoo isaanii keessaa dhalate. Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru bara baraan haa galateeffamu! Ameen.

[6] Kun garuu dubbiin Waaqayyoo fiixaan ba'uu dadhabe jechuu miti; sanyii Israa'el kan ta'e hundinuu Israa'el dhugaa miti;

[7] sanyii Abrahaam kan ta'e hundinuus ijoollee Abrahaam miti; garuu, ?Yisihaqiin sanyiin siif in lakkaa'ama? jedhameera.

[8] Kunis, firooma foonii isa ittiin dhalataniin ijoollee Waaqayyoo ta'u miti, warra abdii Waaqayyootiin dhalatetu sanyii dhugaatti lakkaa'ama malee jechuu dha.

[9] Abdichi, ?Yeroo akkasiitti deebi'ee nan dhufa, Saaraanis ilma godhattee na eegdi? kan jedhu ture.

[10] Kana duwwaas miti, Ribqaan ilmaan lakkuu nama tokkoof, innis abaabilii keenya Yisihaqiif in ulfoofte.

[11] Ijoolleen sun utuu hin dhalatin, isaan keessaas tokko illee gaarii yookiis hamaa utuu hin godhin, akeeki fo'annaa Waaqayyoo dhaabataa akka ta'uuf,

[12] akka waamicha isaatiitti malee, akka gochaa namaatti akka hin taane beeksisuudhaaf, ?Inni angafni isa quxisuudhaaf in hojjeta? jedhamee haadha isaaniitti himamee ture.

[13] Akkuma caafame, ?Ani Yaaqoobin nan jaalladhe, Esaawuu garuu nan jibbe? jedhe.

[14] Egaa karaa Waaqayyoo loogatu jira jenna moo ree? Matumaa kun ta'uu hin danda'u.

[15] Inni Museedhaan, ?Namuma ani araara gochuufii barbaaduuf araara nan godhaaf, namuma ani garaa laafuufii barbaaduufis garaa nan laafaaf? jedha.

[16] Kanaafis kun akka araara Waaqayyootti malee, akka jaalala yookiis dhama'a namaatti miti.

[17] Caaffanni qulqullaa'aan Fara'ooniin, ?Ani maqaan koo lafa hundumaa irratti akka labsamutti, humna koo si irratti argisiisuudhaafan ol si kaase? jedha.

[18] Egaa inni nama barbaaduuf araara in godha, nama barbaadus mata-jabeessa in godha.

[19] Kana irratti ati, ?Yoos immoo Waaqayyo attamitti balleessaa nama irraa argata ree? Jaalala isaatiinis eenyutu mormuu danda'a ree?? anaan in jetta.

[20] Garuu nama nana! Kana Waaqayyotti deebisuudhaaf, ati eenyu? Wanti harka namaatiin hojjetame tokko isa hojjeteen, ?Maaliif akkasitti na hojjette?? in jedhaanii?

[21] Namni suphee dha'u tokko, suphee kutaa tokko irraa, qodaa mana taa'uuf qodaa lagootti itti hojjetamu dha'uudhaaf aboo qaba mitii ree?

[22] Waaqayyo inni dheekkamsa isaa argisiisu, humna isaas beeksisuu barbaadee, warra akka qodaa dheekkamsaa ta'anii badiisaaf qophaa'an kanaaf, baay'ee obsuu danda'eera yoo ta'e immoo maal ta'inna laata ree?

[23] Akkasumas badhaadhummaa ulfina isaa, namoota akka qodaa araaraa ta'an warra inni duraan dursee ulfinaaf qopheesse irratti, mul'isuudhaaf godheera yoo ta'eo?

[24] Warri qodaatti fakkeeffamnes nuyi; inni warra Yihudoota duwwaa waame utuu hin ta'in, Yihudoota warra hin ta'in keessaas waameera.

[25] Inni macaafa Hose'aa keessatti, ?Warra kan koo hin ta'in, saba koo jedhee, nan waama; biyya hin jaallataminis, ?Jaallatamtuu koo? jedhee nan waama;

[26] iddoodhuma, ?Isin saba koo miti? jedhamee itti himametti, ?Ilmaan Waaqayyoo jiraataa? jedhamanii in waamamu? jedha.

[27] Isaayaas immoo waa'ee Israa'eliif, ?Lakkoobsi ijoollee Israa'el akka cirracha galaana qarqaraa yoo baay'ate iyyuu, isaan keessaa hambaa isaanii duwwaatu oola,

[28] gooftichi dubbii isaa isa sodaachisaa gabaabsee lafa irratti in raawwata? jedhee in labsa.

[29] Akkuma Isaayaas duraan dursee dubbates, ?Gooftaan maccaa ijoollee utuu nuuf hin hambifne ta'ee, nuyi akka Sodoom taanee, Gomoraas fakkaannee turre? jedhe.

[30] Egaa amma maal jennu ree? Saba Waaqayyoo warri hin ta'in, qajeelummaa argachuudhaafis warri hin dhama'in, qajeelummaa argataniiru, qajeelummaan isaanii immoo amantii keessaa in argama.

[31] Israa'el warri seera qajeelota isaan godhu argachuudhaaf dhama'an garuu, isa bira hin geenye.

[32] Maaliif isa bira hin geenye? Isaan amantii keessaa utuu hin ta'in akka waan inni hojii keessaa argamutti waan itti dhama'aniif isa bira hin geenye; isaan ?Dhagaa gufannaa? sana irratti gufatan.

[33] Akkuma caafame, ?Kunoo ani dhagaa gufannaa kattaa nama kuffisus Xiyoon keessa nan kaa'a, inni isatti amanatu immoo hin yeella'u? jedhe.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Roomaatti Erge — Chapters