Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:44

[1] Obboloota ko! Yihudoonni akka fayyan garaa koo hundumaan nan hawwa, isaaniifis Waaqayyoon nan kadhadha.

[2] Isaan Waaqayyoof akka hinaafan dhugaa nan ba'aaf; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyoof hinaafuun isaanii akka hubannaa dhugaatti miti.

[3] Qajeelummaa isa Waaqayyo kennu wallaalanii, qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuu yaalaniiru; qajeelummaa isa Waaqayyo namaaf kennu jalas of hin galchine.

[4] Kristos nama amanu hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaan seericha iddoodhaan in ga'a.

[5] Museen waa'ee qajeelummaa isa seera keessaa argamutiif, ?Namni wanta seerichi jedhu godhu, ittiin in jiraata? jedhee caafeera.

[6] Qajeelummaan amantii keessaa argamu garuu, ?Kristosin gad fiduudhaaf, ?Eenyutu gara waaqaatti ol ba'a??

[7] Yookiis immoo, Kristosin warra du'an keessaa ol fiduudhaaf, ?Eenyutu qileetti gad bu'a?? jettee garaa keetti hin yaadin!? jedhe.

[8] Egaa maal godhi jedha ree? ?Dubbichi sitti dhi'oo dha; afaan kee keessa, garaa kee keessas jira? jedha; dubbichis dubbii amantii isa nuyi lallabnuu dha.

[9] Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.

[10] Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.

[11] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni isatti amanu hundinuu hin yeella'u? in jedha.

[12] Kanattis warra Yihudootaa fi warra Yihudoota hin ta'in gidduu garaagarummaan hin jiru; innoo gooftaa nama hundumaa ti, warra isa waammatan hundumaafis badhaadhummaa isaa irraa in kenna.

[13] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola? in jedha.

[14] Namoonni immoo, nama itti hin amanne attamitti waammatu ree? Attamittis nama waa'ee isaa dhaga'anii hin beeknetti amanu ree? Namni utuu isaanitti hin lallabin, attamitti waa'ee isaa dhaga'u ree?

[15] Namoonni yoo ergaman malee, attamitti lallabu ree? ?Warri oduu gaarii fidanii dhufan maal maal nama gammachiisu!? kan jedhu illee caafameera.

[16] Hundumti isaanii garuu wangeela dhaga'anii hin abboomamne; Isaayaas, ?Gooftaa, eenyutu waan nu irraa dhaga'e amane ree?? in jedha.

[17] Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekama.

[18] Amma isaan dhuguma waa'ee kanaa hin dhageenyee ree? jedheen gaafadha. Dhaga'uun isaanii mama hin qabu; caaffanni qulqullaa'aan, ?Waan isaan afaan isaaniitiin dubbatan lafa hundumaatti ba'e, dubbiin isaaniis lafa namni jiraatu hundumaa ga'e? in jedha.

[19] Yookiis Israa'el hin hubannee ree? jedheen gaafadha. Waaqayyo duraan dursee, ?Warra saba koo hin ta'initti akka hinaaftan nan godha, gaabbitaniis saba wallaalaatti akka isin aartan nan godha? jechuu isaa Museen dubbateera.

[20] Akkasumas immoo, ?Warra ana hin barbaadinitti argameera, warra ana hin gaafatinittis mul'adheera? jechuu isaa Isaayaas mul'inatti dubbateera.

[21] Israa'el irratti immoo, ? ?Harka koo guyyaa guutuu gara saba abboomamuu didee, anaan mormutti bal'iseen jira? jedhee dubbateera? in jedha.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Roomaatti Erge — Chapters