Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:50

[1] Egaa ayyaanni Waaqayyoo akka baay'atuuf, cubbuutti jiraachuu itti fufna jennaa ree?

[2] Kun matumaa hin ta'u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si'achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?

[3] Yookiis nuyi warri Kristos Yesusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du'a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?

[4] Nuyi cuuphamuudhaan du'a isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kristos humna abbaa isa ulfina-qabeessaan warra du'an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna.

[5] Akkuma du'a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne, akkasuma du'aa ka'uu isaattis isaa wajjin walitti in dabalamna.

[6] Nuyi deebinee garba cubbuu akka hin taanetti, dhagni inni cubbuu hojjetu akka badduu baafamuuf, namummaan keenya inni moofaan isaa wajjin akka fannifame in beekna.

[7] Namni yommuu du'u humna cubbuu jalaa in ba'a.

[8] Kristosii wajjin yoo duune garuu, Kristosii wajjin immoo akka jiraannu in amanna.

[9] Kristos warra du'an keessaa erga kaafamee, deebi'ee akka hin duune, duunis si'achi isa irratti gooftummaa akka hin qabne beekna.

[10] Du'a al tokko, waa'ee cubbuutiif du'e; jireenya isaa ammaa immoo Waaqayyoof in jiraata.

[11] Isinis immoo akkasuma akka warra cubbuu jalaa du'anii, karaa Kristos Yesus Waaqayyoof jiraataniitti of lakkaa'aa!

[12] Ammas cubbuun warra kajeellaa fooniitiif abboomaman akka isin hin godhannetti, dhagna keessan isa du'e keessatti isa hin moosisinaa!

[13] Bu'aa dhagna keessanii mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa!

[14] Isin seera jalatti qabamtanii kan jiraattan utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo jala waan jiraattaniif cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.

[15] Egaa seera jalatti qabamnee kan jiraannu utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo jala waan jiraannuuf, cubbuu hojjennuu ree? Kun matumaa hin ta'u.

[16] Waan tokko of irratti gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan, isin wanta sanaaf garba akka taatan hin beektanii ree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du'aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu.

[17] Waaqayyoon galanni haa ga'u! Isin dur garboota cubbuu turtan; amma garuu qomoo barsiisa keenyaa isa itti kennamtan sanaaf garaa guutuudhaan abboomamtaniittu.

[18] Cubbuu jalaa luba baatanii, hojjetaa qajeelinaa taataniittu.

[19] Sababii dadhabbii keessaniif jedhee akka isin hubattanitti nan dubbadha; akkuma kanaan dura gad-dhiisatti jiraachuudhaaf bu'aa dhagna keessanii xuraa'ummaadhaa fi seera malee jiraachuu jala galchitanitti, amma immoo qulqullummaatti jiraachuudhaaf bu'aa dhagna keessanii qajeelina jala galchaa!

[20] Garboota cubbuu yommuu turtan, qajeelinaa fi abboomamuu jalaa baatanii turtan.

[21] Egaa hojiin keessan yeroo sanaa ija attamii kenne ree? Ija inni kenne sanatti amma yeella'aa jirtu; wanti kun hundinuu gara dhumaatti du'atti in geessa.

[22] Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.

[23] Beenyaan nama cubbuu hojjetu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Roomaatti Erge — Chapters