Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:06

[1] Nama dubbii amantiitti dadhabaa ta'e ofitti qabaa! Isa ofitti qabuun keessan garuu yaada inni fudhateen morkachuudhaaf hin ta'in.

[2] Namni waa gargar baasee hubate waan hundumaa nyaachuu akka danda'u in amana; inni gargar baasee hubachuu dadhabe garuu, nyaata biqiltuu garaa garaa in nyaata.

[3] Inni nyaata hundumaa sooratu, isa nyaata hundumaa hin sooranne sana hin ceepha'in; inni nyaata hundumaa hin soorannes isa sooratutti hin faradin! Waaqayyo isas ofitti qabeera.

[4] Ati inni hojjetaa biraatti faraddu, eenyu ati? Inni yoo dhaabates, yoo kufes gooftaa isaatu beeka; haa ta'u iyyuu malee, gooftichi isa dhaabachiisuu waan danda'uuf inni in dhaabata.

[5] Namni guyyaa tokko guyyoota warra kaan irra caalchifatu jira; inni kaan immoo guyyoota hundumaa wal qixxeetti ilaala. Kana irratti namni adduma addaan akkuma fudhatetti yaada isaa gar tokkotti haa kutatu!

[6] Namni guyyicha yaadatu gooftaadhaaf isa yaadata; inni nyaata hundumaa sooratu Waaqayyoon waan galateeffatuuf, gooftaa isaatiif hojjechuudhaaf in soorata. Inni nyaata hundumaa hin soorannes gooftaa isaatiif hojjechuudhaaf soorachuu dhiisa, Waaqayyoon immoo in galateeffata.

[7] Nu keessaa tokko illee akeeka ofii isaatiif hin jiraatu; tokko illees akeeka ofii isaatiif hin du'u.

[8] Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti.

[9] Gooftaa warra du'aniif warra jiranii ta'uudhaaf, Kristos du'ee deebi'ee jiraate.

[10] Ati garuu maaliif obboleessa keetti faradda ree? Yookiis ati maaliif obboleessa kee ceephaata ree? Hundumti keenya barcuma firdii Waaqayyoo duratti dhi'aachuuf jirra.

[11] Caaffata qulqullaa'aa keessatti, ? ?Dhugaa ana isa jiraataa! Jilbi hundinuu anaaf jilbeenfachuuf, arrabni hundinuus ani Waaqayyo akkan ta'e beeksisuuf jiru? jedha gooftichi? kan jedhu caafameera.

[12] Kanaafis nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.

[13] Egaa kottaa walitti hin farannu, isin gufuu dura keessanii obboleessa keessan karaa Waaqayyo irraa akka hin gufachiifneef murtoo godhaa malee.

[14] Ani karaa gooftaa Yesus wanti tokko illee ofii isaatii xuraa'aa akka hin ta'in beekeera, fudhadheeras; namni tokko wanti kun xuraa'aa dha jedhee yoo amane garuu, isaaf xuraa'aa in ta'a.

[15] Nyaanni ati nyaattu yaada obboleessa keetii yoo miidhe, ati jaalalatti qabamtee jiraatta miti; nyaata ofii keetiif nyaattuun nama Kristos du'eef, gara badiisaatti hin geessin.

[16] Kanaanis wanta gaarii Waaqayyo biraa argattan hin arrabsiisinaa!

[17] Mootummaan Waaqayyoo, mootummaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu warra hafuura qulqulluu biraa kennamanii ti malee, mootummaa nyaataa fi dhugaatii miti.

[18] Namni isaan kanatti qabamee Kristosiif hojjetu, Waaqayyoon in gammachiisa, namoota birattis in fudhatama.

[19] Kanaafis kottaa wanta nagaaf ta'u, waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaarru duukaa in buunaa!

[20] Nyaataaf jettee hojii Waaqayyoo hin diigin; wanti nyaatamu hundinuu qullaa'aa dha; namicha nyaata isaatiin nama gufachiisuuf garuu gadhee dha.

[21] Egaa foon nyaachuu, daadhii waynii dhuguu yookiis waanuma obboleessi kee ittiin gufatu dhiisuun gaarii dha.

[22] Waan qajeelaa dha jettee amantee fudhatte immoo, ofii kee fi Waaqayyo gidduutti qabaadhu! Namni wanta hubatee fudhate sanatti deebi'ee ofitti hin faranne gammachuu qaba.

[23] Namni mamaa waa nyaatu garuu, amantiidhaan waan inni hin fudhatiniif itti in faradama; wanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuu dha.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Roomaatti Erge — Chapters