Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:12

[1] Kanaafis ati yaa isa nama biraatti faradduu, waan itti qabattu hin qabdu! Ati inni namatti faraddu, isuma namichi sun hojjete waan hojjettuuf, firdii isatti faraddeen ofitti in faradda.

[2] Nuyi garuu firdiin Waaqayyoo inni warra waan akkasii hojjetan irratti dhufu qajeelaa akka ta'e in beekna.

[3] Ati yaa namana! Warra waan akkasii hojjetanitti faradda, ofii keetii immoo isuma sana yommuu gootu, firdii Waaqayyoo jalaa baqattee kan baatu sitti fakkaataa?

[4] Yookiis baay'ina gaarummaa isaa, obsa isaa, siif danda'uu isaa salphaatti ilaaltaa ree? Gaarummaan Waaqayyoo gara geddarannaa yaada garaatti akka si geessu hin hubattuu ree?

[5] Mata-jabina keetii fi yaada garaa keetii geddarachuu diduu keetiin garuu, guyyaa dheekkamsaatiif guyyaa firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan itti mul'atuuf dheekkamsa of irratti walitti in qabda;

[6] Waaqayyo nama hundumaafuu adda addaan akkuma hojii isaatti gatii in kennaaf.

[7] Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa, guddina, ulfina hin darbine, jireenya hin badnes Waaqayyo biraa argachuu barbaadaniif jireenya bara baraa in kennaaf.

[8] Namoota warra ofittoo warra dhugaadhaaf abboomamuu didanii, seera Waaqayyoo malee jiraachuudhaaf abboomamanitti garuu in dheekkama, isaan in ifatas.

[9] Dhiphinnii fi gidiraan lubbuu nama hamaa godhu hundumaatti in dhufa; kunis duraan dursee nama Yihudii irratti akkasumas nama Yihudii hin ta'in irratti in dhufa.

[10] Guddinni, ulfinni, nagaanis nama waan gaarii hojjetu hundumaaf in kennama; kunis duraan dursee nama Yihudiitiif akkasumas nama Yihudii hin ta'iniif in kennama.

[11] Waaqayyo nama wal hin caalchisu.

[12] Warri seera utuu hin qabaatin yakkan hundinuu, seerichi utuu hin ilaalamin in dhumu; warri seera qabaatanii yakkan hundinuu, seerichaan isaanitti in faradama.

[13] Warri seera dhaga'an Waaqayyo duratti qajeelota hin ta'an, waan seerichi abboomu warri godhan garuu qajeelota in ta'u.

[14] Yihudoota kan hin ta'in warri seericha hin qabne, uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu yeroo hojjetan, yoo seericha hin qaban ta'e iyyuu isaan ofuma isaanii keessaa seera qabu.

[15] Isaan, hojiin seerichi abboomu garaa isaanii keessatti akka caafamee jiru in argisiisu; dhageettiin garaa isaanii akkasumas yaadni garaa garaa takka takka isaan hadheessan, takka takka immoo isaaniif falman, waa'ee kanaaf dhugaa ba'uu isaanii ti.

[16] Akka wangeela ani barsiisutti, guyyaa Waaqayyo harka Yesus Kristosiin dhoksaa namootaa bakkee baasee faradutti, wanti kun in beekama.

[17] Ati garuu ?Ani Yihudii dha? ofiin jetta, seerri anaaf jira jettee in amanatta, ?Waaqayyo dhuunfaa koo ti? jettee of in jajja.

[18] Jaalala Waaqayyoo beekta; seerichaan barsiifamtee, isa ta'uuf isa hin taane gargar baaftee in himta.

[19] Jaamotaaf karaa argisiisaa, warra dukkana keessa jiraniif ibsaa akka taate of amanatta.

[20] Seericha keessattis beekumsaa fi dhugaa isa bifa macaafaatti qophaa'e waan argatteef, gowwoota in gorsita, wallaalotas in barsiifta.

[21] Yoo akkas ta'e immoo, ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? ?Hin hatin!? jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo in hatta mitii?

[22] ?Hin ejjin!? in jetta, ati immoo in ejjita mitii? Ati waaqayyolii tolfaman in ciiggaata, galma isaanii immoo in saammatta mitii?

[23] Seera Waaqayyoo qabaachuu keetiin of in jajja, seericha cabsuu keetiin immoo maqaa Waaqayyoo in salphifta mitii?

[24] Akkuma caafamee jiru, ?Sababii keessaniif maqaan Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo hin ta'in gidduutti in arrabsama? in jedha.

[25] Waan seerichi abboomu hundumaa yoo goote, dhagna-qabaan siif waa'ee in baasa; seericha irra yoo daddarbite garuu, dhagna qabachuun kee akka waan dhagna hin qabatin haftetti in lakkaa'ama.

[26] Namni dhagna hin qabatin immoo waan seerichi gaafatu yoo eege, dhagna hin qabatin hafuun isaa akka dhagna-qabaatti hin lakkaa'amuufii ree?

[27] Egaa namni akka uumametti utuu dhagna hin qabatin hafee waan seerichi abboomu raawwatu, sitti in farada, ati seericha caafame utuu qabduu, utuma dhagna qabattuus seericha irra in daddarbita.

[28] Namni bifa isa bakkeetti mul'atuun Yihudii waan ta'eef, Yihudii dhugaa hin ta'u; dhagna-qabaan fooniis dhagna-qabaa dhugaa hin ta'u.

[29] Namni keessa namummaa isaatii isa bakkeetti hin mul'anneen Yihudii ta'e garuu, Yihudii dhugaa dha; dhagna-qabaan yaada garaa namaas dhagna-qabaa isa dhugaa dha; kunis hojii hafuura Waaqayyoo ti malee, hojii seericha isa caafame miti. Namni akkasii kun Waaqayyo biratti malee, namoota biratti hin jajamu.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Roomaatti Erge — Chapters