Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:56

[1] Feebeen obboleettii keenya ishee waldaa kristiiyaanaa Kanchre'aaf gargaartuu taatee hojjettu, hadaraan isinitti kennadha.

[2] Isheenis kan gooftaa waan taateef simamsa warra Waaqayyoof qulqullaa'aniif ta'uun ishee simaa! Waan barbaachisu hundumaanis ishee gargaaraa! Isheen namoota baay'eedhaaf anaafis immoo dubbattee gargaaraa turte.

[3] Hojii Kristos Yesusitti warra hidhata koo ta'an, Phrisqiilaa fi Aqiilaadhaaf nagaa koo anaaf dhi'eessaa!

[4] Isaanoo du'a na oolchuudhaaf jedhanii morma isaanii kennaniiru. Ani isaan nan galateeffadha; ana duwwaa utuu hin ta'in waldoonni kristiiyaanaa saba warra kaanii hundinuus isaan in galateeffatu.

[5] Waldicha isa mana isaaniitti walitti qabamuttis nagaa koo anaaf himaa! Ephanexos michuu koo, warra biyya Asiyaatii Kristosiif of kennan keessaa, isa angafatti nagaa koo anaaf dhi'eessaa!

[6] Maariyaam ishee jabeessitee isiniif hojjetteef nagaa koo anaaf dhi'eessaa!

[7] Andronikosii fi Yuniyaas Yihudoota warra akka kootii, warra anaa wajjin hidhamanii turaniif nagaa koo anaaf dhi'eessaa! Isaan ergamoota keessaa beekamoo dha, ana dura kan Kristos ta'anis.

[8] Amphiliiyaaxos isa karaa gooftaa michuu koo ta'etti nagaa koo anaaf himaa!

[9] Urbaanos isa hojii Kristositti hidhata keenya ta'eef Isxaakis michuu kootti nagaa koo anaaf himaa!

[10] Apheles isa kan Kristos ta'uun isaa qoramee bira ga'ameef nagaa koo anaaf dhi'eessaa! Namoota maatii Arisxobulos keessaa dhufanitti nagaa koo anaaf himaa!

[11] Herodiyon Yihudii akka kootiitti nagaa koo anaaf himaa! Maatii Naarksos keessaa warra gooftaa fudhataniif nagaa koo anaaf dhi'eessaa!

[12] Triifeenee fi Triifaasee warra hojii gooftaatti dadhabaa jiranitti nagaa koo anaaf himaa! Pharsiis jaallatamtuu ishee hojii gooftaatti baay'ee dadhabdeef nagaa koo anaaf dhi'eessaa!

[13] Ruufoos isa hojii gooftaatti fo'ame, akkasuma immoo haadha isaa ishee anaafis haadha taatetti nagaa koo anaaf himaa!

[14] Asinkriixosii fi Filegoonii fi, Hermeesii fi Phaaxrobaas, Hermaasii fi obboloota isaan bira jiraniifis nagaa koo anaaf dhi'eessaa!

[15] Filologosii fi Yuliyaatti, Neryoosii fi obboleettii isaatti Olimphaasittis, warra Waaqayyoof qulqullaa'anii isaan bira jiran hundumaattis nagaa koo anaaf himaa!

[16] Yaada qulqullaa'aatiin wal dhungachuudhaan nagaa wal gaafadhaa! Waldoonni Kristos hundinuu nagaa isaanii isiniif in ergu.

[17] Obboloota ko! Warra barsiisa isin fudhattaniin mormuudhaan yaada namootaa gargar baasanii, amantii irraa kuffisanittii akka of eeggattan isinan gorsa; isaan irraa fagaadhaa!

[18] Warri wanta akkasii hojjetan kun garaa isaaniitiif yaadanii hojjetu malee, Kristos gooftaa keenyaaf hin hojjetan; isaanis dubbii gurra namaatti tolee gaarii fakkaatuun garaa namoota garraamotaa in gowwoomsu.

[19] Namoonni hundinuu wangeelaaf abboomamuu keessan dhaga'aniiru; kanaafis ani waa'ee keessaniif nan gammada. Wanta gaariidhaaf yaada ogummaa akka qabaattan, wanta hamaadhaaf garuu yaada haxxumaa akka isin hin qabaanne nan barbaada.

[20] Waaqayyo inni nagaa kennu immoo dafee Seexana miilla keessan jalatti in caccabsa; ayyaanni gooftaa keenya Yesus isinii wajjin haa ta'u!

[21] Ximotewos hidhati koo akkasumas immoo Yihudoonni akka kootii Luukiyosii fi Yaason, Sosiiphaaxrosis nagaa isiniif dhaamu.

[22] Ani Xerxiwos ergaa kana caafuu isaa kanan gargaare, nagaa isin nan gaafadha.

[23] Gaayos, inni nuyi, namoota waldaa kristiiyaanaa kanaa hundumaas mana isaatti simate, nagaa isiniif erga; Erasxos inni horii mandarichaa baatu, obboleessi keenya Ku'arxosis nagaa isiniif dhaamu. [

[24] Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hunduma keessanii wajjin haa ta'u! Ameen!]

[25] Waaqayyo akka wangeela kootti, akka isa ittiin Yesus Kristos lallabametti, akka mul'achuu dhoksaa isa bara duriitii jalqabee hin dubbatamin turettis, amantiitti isin jabeessuu in danda'a.

[26] Amma garuu dhoksaan kun ifatti ba'eera; akka Waaqayyo inni bara baraan jiraatu ajajettis, gara amantiitti, gara abboomamuuttis isaan geessuudhaaf caaffata raajotaatiin saba hundumaatti beeksifameera.

[27] Karaa Yesus Kristos Waaqayyo isa ogeessa tokkichaaf hooqubaan bara baraan haa ta'u! Ameen!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Roomaatti Erge — Chapters