Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:37

[1] Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.

[2] Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.

[3] Ayyaana isa anaaf kennameen namni waan yaaduun isaaf ta'u caalaatti akka of hin yaanne, tokkon tokkon keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka amantii isaaf kennametti akka of ilaaluun ta'uufitti, haa yaadu!

[4] Nuyi dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu.

[5] Akkasuma nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; nuyis bu'aa dhagna walii ti.

[6] Akka ayyaana Waaqayyoo isa nuuf kennametti kennaa garaa garaa qabna; kennaan isaa waan Waaqayyo namatti ibsu dubbachuu yoo ta'e, akka amantichaa wajjin waliif galutti dubbachuu dha.

[7] Kennaan keenya hojiidhaan nama gargaaruu yoo ta'e, hojiidhaan nama gargaaruutti in jabaanna! Barsiisuu yoo ta'e barsiisichatti haa jabaatu!

[8] Kennaan isaa nama gorsuu yoo ta'e, gorsuutti haa jabaatu! Inni namaaf kennu, garaa qulqulluudhaan haa kennu! Inni dura bu'us dhimmee haa geggeessu! Namni namaa oo'us fuula ifaadhaan haa hojjetu!

[9] Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa!

[10] Jaalala obbolummaatiin ho'isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!

[11] Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa!

[12] Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!

[13] Warra Waaqayyoof qulqullaa'an rakkina isaaniitti gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa! Keessummoota simachuutti dhimmaa!

[14] Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa!

[15] Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa!

[16] Waa'ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa; isin ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi'anii wajjin jiraachuu baraa! Nuyi ogeessota ofiin jettanii, ogummaa keessan of duwwaadhaaf hin godhatinaa!

[17] Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa!

[18] Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!

[19] Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa'aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ?Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa? jedhee dubbateera.

[20] Iddoo tokkotti immoo, ?Diinni kee yoo beela'e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeella'u in goota? jedhamee caafameera.

[21] Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Roomaatti Erge — Chapters