[1] Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna.
[2] Karaa isaa ayyaana isa amma miyeeffachaa jirru kanatti amantiidhaan dhi'aachuu arganneerra; abdii ulfina Waaqayyo irraa hirmaachuu keenyaas gammachuudhaan in himanna.
[3] Kana malees immoo gidiraan obsa akka fidu beeknee, gidiraa nutti dhufes gammachuudhaan in himanna.
[4] Obsi qoramanii ba'uu fida, qoramanii ba'uunis abdii fida.
[5] Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu.
[6] Nuyi amma illee of-dadhaboo taanee utuu jirruu yeroon yaadame yommuu ga'etti Kristos warra akkuma keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf du'e.
[7] Tarii namni, nama waan gaarii godhe tokkoof du'uuf fedha qaba ta'a malee, nama qajeelaadhaaf waan du'uuf hin fakkaatu.
[8] Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.
[9] Kanaafis amma nuyi dhiiga isaa isa dhangala'een qajeelota erga taanee, hammam caalaatti isumaan immoo dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf jirra!
[10] Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti erga araaramnee, amma immoo nuyi warri isatti araaramne jireenya isaatiin hammam caalaatti ooluuf jirra!
[11] Kana duwwaas miti, gooftaa keenya Yesus Kristosiin amma araara waan qabnuufis Waaqayyotti gammaduu keenya in himanna malee.
[12] Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.
[13] Utuma seerichi hin kennamin iyyuu cubbuun biyya lafaa irra jira ture; garuu lafa seerri hin jirretti cubbuun hin lakkaa'amu.
[14] Haa ta'u iyyuu malee, bara Addaamii jalqabee hamma bara Museetti duuni nama hundumaa irratti mo'e; warruma sanyii irra-daddarbaa Addaamiin hin yakkin irratti iyyuu mo'eera, Addaam fakkeenya isa dhufuuf jedhu sanaa ture'o.
[15] Kennaan Waaqayyo tola kenne garuu, akka irra-daddarbaa sanaa miti. Namoonni baay'een irra-daddarbaa nama tokkootiin yoo du'an, ayyaanni Waaqayyoo fi kennaan tolaa inni isa irra guddaa caalu immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan, namoota baay'eedhaaf in argama.
[16] Wanti kennaan Waaqayyoo inni tolaa kun fidu immoo, akka isa cubbuun nama tokkoo fide sana miti. Irra-daddarbaa namicha tokkicha sanaa irratti firdiitu kenname; firdichis yakka kan muru ture. Irra-daddarbaa namoota baay'ee irratti garuu kennaa tolaatu kenname; kennaan sunis qajeelummaatti kan geessu ture.
[17] Irra-daddarbaa nama tokkootiin, sababii nama tokkicha sanaaf duuni erga mo'ee, warri qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan hammam guddaa caalchisanii jireenyatti haa mo'ani ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi kennaa tolaa hamma isaan irraa hafutti fudhataniiru.
[18] Egaa akkuma irra-daddarbuun nama tokkichaa nama hundumaatti yakka mursiise, qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota hundumaa firdii qajeelummaa argachiisee in jiraachisa.
[19] Akkuma abboomamuu diduu nama tokkootiin baay'een cubbamoota ta'an, abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baay'een qajeelota in ta'u.
[20] Seerri irra-daddarbaa baay'isuudhaaf gidduu lixe; garuu lafa irra-daddarbuun baay'atetti immoo ayyaanni Waaqayyoo caalaatti baay'ate.
[21] Akkuma cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan in mo'a.