[1] Egaa Yihudiin caalmaa maalii qaba ree? Yookiis bu'aan dhagna-qabaa maali ree?
[2] Karaa kam iyyuu bu'aa baay'ee qaba, bu'aa kana keessaa inni caalu, sagaleen abdii Waaqayyoo Yihudootatti hadaraa kennamuu isaa ti.
[3] Isaan keessaa kaan yoo hin amanamne ta'an immoo attam ta'a ree? Amanamuu dhabuun isaanii immoo amanamummaa Waaqayyoo oolchaa ree?
[4] Kun raawwatee ta'uu hin danda'u; namni eenyu illee sobaa yoo ta'e iyyuu akkuma caaffanni qulqullaa'aan, ?Ati dubbii kee hundumaan dhugaa akka argatutti, yeroo si hadheessanittis akka irra aantutti? jedhu, Waaqayyo dhuga-qabeessa.
[5] Garuu jal'inni keenya qajeelina Waaqayyoo mul'isuudhaaf hojjeta yoo ta'e, nuyi maal jenna ree? Waaqayyo yeroo nutti dheekkamu jal'ina hin hojjetuu ree? Kanas akka yaada namaattan dubbadha.
[6] Kun raawwatee ta'uu hin danda'u! Silaa immoo Waaqayyo attamitti biyya lafaatti farada ree?
[7] Garuu soba kootiin dhugaan Waaqayyoo caalaa mul'atee, ulfina kennisiisaaf yoo ta'e, maaliif ammuma iyyuu akka cubbamaatti yakki anatti muramaa jira ree?
[8] Yoos immoo gaariin akka dhufuuf hamaa in hojjenna hin jennuu ree? Kaan akkas jechuu isaa ti jedhanii maqaa koo balleessaniiru, isaan akkasiitti yakka muruun garuu qajeelaa dha.
[9] Egaa nuyi warri Yihudootaa caalmaa qabna moo ree? Waawuu, karaa tokko illee hin qabnu; anoo kanumaan dura Yihudoonni, Yihudoota warri hin ta'in hundinuus humna cubbuu jala akka jiran mul'iseera.
[10] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni qajeelaan hin jiru, lakkii, tokko illee hin jiru.
[11] Namni tokko iyyuu hin hubatu, namni tokko illees Waaqayyoon hin barbaadu;
[12] namoonni hundinuu karaa Waaqayyoo irraa goraniiru, ergaan-takkaa warra dhimma hin baafne ta'aniiru; namni gaarii hojjetus tokko illee hin jiru,
[13] afaan isaaniitiin gara awwaala banamaatti nama geessu, arraba isaaniitiin in gowwoomsu; hadhaan mar'ataa hidhii isaanii jala jira.
[14] Afaan isaanii abaarsaa fi dubbii hadhaa'aadhaan guutuu dha;
[15] miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifataa dha,
[16] karaa isaan irra darban irra diiguu fi gadadichuutu jira;
[17] isaan karaa nagaa immoo hin beekan;
[18] Waaqayyoon sodaachuun yaada isaanii keessa hin jiru? jedha.
[19] Ammas seerri waanuma jedhu, warra seera jala jiranitti akka dubbatu nuyi in beekna; kanas nama hundumaa afaan qabachiisuudhaaf, guutummaa biyya lafaas firdii Waaqayyoo jala galchuudhaaf in dubbata.
[20] Egaa nama kan ta'e tokko illee wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa hin ta'u. Seerri cubbuun maal akka ta'e nama hubachiisa.
[21] Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta'in, karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru.
[22] Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaagarummaan hin jiru.
[23] Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.
[24] Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u.
[25] Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf.
[26] Bara sanaattis Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta'uu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mul'iseera.
[27] Egaa maaliin of jajna ree? Waan ittiin of jajnu tokko illee hin qabnu, seera maaliitiin dhabna? Akka abboommii seeraatti hojjechuudhaanii? Waawuu, akka abboommii amantiitti jiraachuudhaan malee.
[28] Namni waan seerri abboomu hojjechuudhaan utuu hin ta'in, amanuu duwwaadhaan Waaqayyo duratti qajeelaa akka ta'u cimsinee in barsiifna.
[29] Waaqayyo keenya Waaqayyo warra Yihudootaa duwwaa dha moo? Saba warra Yihudoota hin ta'iniifis Waaqayyo mitii ree? Eyyee, inni saba warra Yihudoota hin ta'iniif immoo Waaqayyoo dha.
[30] Waaqayyo tokkicha erga ta'ee, saba Yihudootaa warra dhagna qabatan amantii isaaniitiin, saba warra kaan warra dhagna hin qabatinis amantiidhuma isaaniitiin qajeelota isaan in godhata.
[31] Egaa immoo amantii kanaan seera diigna jechuu dha moo ree? Waawuu, kun raawwatee ta'uu hin danda'u, seera jabeessinee dhaabna malee.