[1] Waaqayyo,“Fiinoo afaanitti kaa'adhu! Sababii sabni koo kakuu koo cabsanii seera kootiinis mormaniif, wanti akka joobiraa biyya koo irra in bu'a.
[2] “Nuyi warri Israa'el Waaqayyo keenya in beekna” jedhanii gargaarsaaf gara kootti in iyyu;
[3] haa ta'u iyyuu malee, Israa'el isa gaarii tuffatee waan dhiiseef, diinni isa in ari'ata.
[4] Isaan mootii moosifataniiru, ani garuu keessa hin jiru; gurguddoota biyyaas in kaafatan, ani garuu hin beekneef; lafa irraa balleeffamuufis meetii isaanii fi warqee isaanii irraa waaqayyolii tolfamoo hojjetatan.
[5] “Yaa warra Samaariyaa, dibicha isin tolfattanii itti sagaddan tuffadhee nan gate; dheekkamsi koo warra kana godhan irratti in boba'e; isaan hamma yoomiitti yakka malee taa'uu dadhabu ree”
[6] Dibicha Israa'el keessatti hojjetame kana namuma harka-tolu tokkotu tolche malee, dibichi sun Waaqayyo miti; dibichi warra Samaariyaa in hurraa'a.
[7] Isaanoo akka nama qilleensa facaasuu wanta hundee hin qabne in facaasu; akka nama bubbee haamuuttis wanta guddaa sodaachisu in galfatu; midhaan maasii keessaa mataa hin qabu ijas hin godhatu; tarii ija yoo godhate iyyuu ormatu nyaata.
[8] “Warri Israa'el in miliqfaman, amma immoo saba lafa irraa keessatti akka qodaa namatti hin tolle in ta'an.
[9] Harreen diidaa illee kophaatti in jiraata, isaan garuu warra Asorii wajjin walii galuudhaaf ol ba'an; namoonni Efreemis kennaadhaan, namoonni ejjummaaf akka isaan jaallatan godhan.
[10] Isaan saba lafa irraa keessaa kennaadhaan warra isaanii wajjin walii galan yoo argatan iyyuu, ani amma qabaa koo jala isaan nan galcha; egaa isaan yeroo gabaabaatti ba'aa mootii gurguddoota Asor jalaa in wiriiqqatu.
[11] “Efreem iddoo aarsaa baay'ise; iddoowwan aarsaa sun immoo sababii cubbuu isatti ta'an.
[12] Seera koo hammam baay'isee caaffataan yoon isaaf kenne iyyuu, akka kan ormaatti in lakkaa'ama.
[13] Isaan aarsaa in jaallatu, foon aarsaadhaaf in dhi'eessu, isa irraas in nyaatu; ani Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne; ani amma irra-daddarbaa isaanii nan yaadadha, cubbuu isaaniifis isaan nan adaba; isaan immoo gara biyya Gibxiitti in deebi'u.
[14] Warri Israa'el uumaa isaanii irraanfataniiru, mana gurguddaa ijaarrataniiru; warri Yihudaas mandaroota marsaa cimaa qaban in baay'isan, ani garuu mandaroota isaanii irratti ibidda nan erga, innis mana isaanii warra jajjaboo in fixa” jedhe.