[1] Warri Israa'elis akka muka waynii of jaallatee ija baay'ee naqatuu ti; hammuma iji hojii isaanii baay'ate iddoo aarsaas in baay'isan; akkuma biyya isaaniitti fooyya'e, utuboota dhagaa warra qulqullaa'ootti ilaalaman in fofooyyeessan.
[2] Garaan isaanii walaallammii dha, amma isa yakkaniif adaba fudhachuun isaaniif in ta'a; Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii in caccabsa, utuboota dhagaa isaan dhaabbatanis in balleessa.
[3] Amma isaan,“Nuyi sababii Waaqayyoon hin sodaanneef mootii dhabne; silaas immoo mootichi maal nuuf gochuu danda'a ree?” in jedhu.
[4] Isaan afaanumaaf dubbatu, sobanii in kakatu, kakaadhaanis walii galu; firdiin isaan kennanis akkuma aramaa hadhaa of keessaa qabu isa bo'oo qotiisaa irratti biqiluu ti.
[5] Warri mandara Samaariyaa jiraatan dibicha Bet-Aweeniif in sodaatu, namoonni ishees isaaf in boo'u; ulfinni Waaqayyo tolfamaa sanaa waan duraa fudhatameef, luboonni isaa isaaf in wawwaatu.
[6] Dibichichi mooticha guddaa sanaaf galchii ta'ee biyya Asoritti in geeffama; yeelloon Efreem irra in ga'a, Israa'elis mareen inni dur mari'ate waan kufeef in yeella'a.
[7] Samaariyaan in balleeffama, mootiin ishees akka feleencoo bishaan gubbaa bu'ee in ta'a.
[8] Iddoowwan ol jedhoon warri Bet-Aween irratti sagadan, Israa'elitti cubbuu waan ta'aniif in diigamu; iddoo aarsaa isaanii irrattis arangamaa fi baalaan-waraanteen in biqilu; yommus namoonni tullootaan,“Nu awwaalaa!” gaarotaanis,“Nu irratti jigaa!” in jedhu.
[9] Waaqayyo,“Yaa namoota Israa'el, erga bara mandara Giibe'aatti cubbuu hojjettanii amma iyyuu cubbuutti qabamtanii jirtu; egaa lolli warra jal'aa hojjetanitti dhufu, isinis immoo Giibe'aatti hin argatuu ree”
[10] Ani fedha kootiin isin nan adaba; isa gar-lamaan yakkitaniif yeroo adabamtanitti sabni lafa irraa isin irratti akka sassaabaman nan godha.
[11] “Efreem akka dibicha lejjifamuu danda'uutti, midhaan siribsiisuu in jaallata; ani immoo gara saggoo isaa isa miidhagaatti darbee, Efreemin nan camada; Yihudaan akka qotiyyootti haa qotu, Yaaqoobis akka qotiyyootti bo'oo haa baasu.
[12] Qajeelummaadhaan facaafadhaa, ija gaarummaan kennus galfadhaa! Maasii haaraa baafadhaa! Yeroon kun yeroo isin gara Waaqayyootti gortanii, hamma inni dhufee qajeelummaa isiniif dhangalaasutti eeggattanii dha.
[13] “Isin garuu yeroo qottan jal'ina dhaabdanii, wanta jal'aa in galfattan; ija sobaas in nyaattan. Ati konkolaataa kee isa duulaaf qopheeffatte baay'ina jagnoota keetiis amanatteetta;
[14] Kanaafis lolli saba kee irratti in ka'a; akkuma yommuu Shalmaan mootichi guyyaa lolaa sanatti mandara Bet-Arbel balleessee haati ijoollee ishee irratti caccabsamte akkasuma marsaan kee hundinuu in balleeffama.
[15] Guddinni jal'ina keessanii inni Bet'elitti hojjetamu wanta akkasii isin irratti in fida, mootiin Israa'elis ganama bariidhaan in barbadeeffama.