[1] “Efreem qilleensaa wajjin in oola, guyyaa guutuus qilleensa gara ba'a-biiftuu duukaa in fiiga; soba, humnaan nama irratti ka'uus in baay'isa; biyya Asorii wajjin walii galee, biyya Gibxiittis dhadhaa ejersaa in geessa” jedhe.
[2] Waaqayyo gooftaan, warra Yihudaa wajjin dubbii qaba, adeemsa isaatiif Yaaqoobitti in ilaala, akka hojii isaattis isaaf in deebisa.
[3] Yaaqoob garaa haadha isaatii keessatti iyyuu booddeetti akka hin hafneef, koomee obboleessa isaa in qabate, yeroo nama ga'aa ta'es Waaqayyotti marmee gad dhiisuu dide.
[4] Ergamaa Waaqayyoo ofitti qabee gad dhiisuu dide, in danda'es; ergasii immoo boo'ee akka inni faara toluuf in kadhate; Waaqayyo Bet'elitti itti mul'ate, achittis isatti dubbate.
[5] Inni Waaqayyo gooftaa maccaa ti; Waaqayyo isa yaadatamuun ta'uufii dha.
[6] Ati immoo amma gocha Waaqayyo keetiin in deebita; egaa jaalalatti, wanta dhugaa ta'ettis qabamii jiraadhu! Yeroo hundumaas Waaqayyo kee abdiidhaan eeggadhu!
[7] Ati immoo naggaadee madaalii sobaa harkatti baatuu dha, nama gowwoomsuus in jaallatta.
[8] Kana irratti Efreem, “Ani dhuguma sooromeera, geessifadheeras; wanta ani argadhe hundumaa keessatti immoo yakki cubbuudhaaf natti muramu hin argamu” jedhe.
[9] Kanaaf Waaqayyo, “Ani Waaqayyo gooftaan kee biyya Gibxiitii kanan si baase, akkuma bara durii dhaabaan wal argaa turre sanatti, ammas deebisee godoowwan keessa sin jiraachisa.
[10] “Ani raajotatti dubbadheera, ani mul'ata baay'ee akka argan nan godhe; karaa isaaniis fakkeenyaan nan dubbadhe” jedhe.
[11] Hamminni mandara Giil'aad keessa jira, namoonni achitti argamanis kan waa'ee hin baafne in ta'u; Giilgalitti korommii aarsaadhaaf in dhi'eessu, iddoowwan aarsaa isaanii immoo akka tuullaa dhagaa isa bo'oo qotiisaa keessa tuulamee in ta'u.
[12] Yaaqoob biyya Aaramitti baqate, Israa'el haadha manaa argachuudhaaf namaaf hojjete, niitii fuudhuufis hoolota tikse.
[13] Waaqayyo garuu harka raajiitiin warra Israa'el biyya Gibxiitii ol baase; harka raajiitiin akka eegamanis in godhe.
[14] Efreem tuttuqee gooftaa isaa gar-malee waan aarseef, inni immoo yakki isaa inni du'aan ga'u isuma irratti akka hafu in godha, arrabsoo isaas mataa isaatti in deebisa.