Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:13

[1] Yeroo sanyiin Efreem dubbate, namoonni in hollatan; inni Israa'el keessatti ol kaafamee ture; garuu karaa Ba'aal waaqayyolii tolfamanii yakka of irratti fidee, in du'e.

[2] Ammas ittuma daddabalanii cubbuu in hojjetu; meetii isaanii irraa bifa baqfamaa ofii isaaniif in tolfatu; waaqayyolii tolfamoo miidhagsanii in hojjetu; kun hundumtuu hojii warra harka tolanii ti; “Isaan kanaaf aarsaa dhi'eessaa!” in jedhu; namoonni bifa jibootaa in dhungatu!

[3] Kanaafis isaan akka hurrii ganamaa, akka fixeensa ganamaan dafee bu'uu ti; akka habaqii oobdii keessaa qilleensi fudhatuu, akka aara karaa qaawwaa ba'uus in ta'u.

[4] Waaqayyo,“Ani Waaqayyo gooftaa kee isa biyya Gibxiitii si baasee dha; ati ana malee Waaqayyo kan biraa hin beektu, ana irraa kan hafes fayyisaan kan biraa hin jiru.

[5] Ani lafa onaa keessatti, biyya gubaa boba'aa sanatti si eegeera.

[6] Akka biyya quufaatti isaan yeroo nyaatanitti in quufan, quufaniis yaada isaaniitti ol of qabuun itti dhaga'ame; kanaafis ana in irraanfatan.

[7] “Ammas ani akka leencaa isaanitti nan ta'a, akka qeerransa riphee karaa bukkee ciisuuttis isaan nan eeggadha;

[8] akka amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa butataniitti ani isaan irrattan lafa dha'a; qoma isaanii cabsee onnee isaaniis nan tarsaasa; achittis saroonni isaan in nyaatu, bineensi caakkaas isaan in babbaqaqsa.

[9] Yaa Israa'el, ana isa si gargaaruun mormuu keetiin, ati badiisa of irratti fiddeetta.

[10] Ati,“Mootii, gurguddootas nuuf kenni” jettee turte; mootiin kee mandaroota kee hundumaa keessatti akka si oolchuuf amma eessa jira ree” Warri biyya seerratanis eessa jiru ree”

[11] Ani aariidhaan mootii siif kenneera, dheekkamsaanis achii isa fuudheera.

[12] “Yakki Efreem walitti hidhamee jira, cubbuun isaas iddoo tokko kaa'ameera;

[13] Akka dubartii da'uuf jettuu ciniinsuun isa irra ga'e; inni immoo ilma ogeessa miti; yeroo ta'utti gadameessa keessaa as hin mul'anne.

[14] Ani qabaa iddoo lafa jalaa keessaa isaan gad dhiisisuu ree” Du'a jalaas isaan furuu ree” Yaa du'aa, dha'ichi kee meerre ree” Yaa iddoo lafa jalaa, ilkeen kee meerre ree” Oo'a argisiisuun ija koo duraa fagaateera.

[15] Efreem obboloota gidduutti ija yoo godhate iyyuu, qilleensi ba'a-biiftuu, qilleensi Waaqayyo biraa abboomame, lafa duwwaadhaa ka'ee dhufuuf jira; boolli bishaanii isaa akka gogu, burqituun isaas akka gu'u in godha; wanta gati-jabeessa kaa'ame hundumaas fudhatee in sokka.

[16] “Samaariyaan Waaqayyo ishee irratti waan kaateef, yakka isheef adaba fudhachuun in ta'aaf; namoonni ishee billaadhaan in kukkufu, mucooliin isaanii humnaan daddarbatamanii in cabu; dubartoonni isaanii warri ulfis garaan isaanii in tatarsaafama” jedhe.

Macaafa Hose'a Raajichaa — Chapters