[1] Isaan, yommus “Kottaa gara Waaqayyootti in deebinaa! Isatu nu tatarsaase, isatus nu fayyisa; isatu rukutee nu mammadeesse, isatus erbee irra buusee nuuf hidha.
[2] Guyyaa lama booddee deebisee nu fayyisa, sadaffaatti ol nu kaasa; fuula isaa dura in jiraanna.
[3] Egaa kottaa Waaqayyoon in barraa, isa beekuudhaafis in dhamaanaa! As ba'uun isaa akka ifa barii lafaa dhaabataa dha; inni akka bokkaa, akka bokkaa arfaasaa isa roobee lafa jiisuutti nuuf in dhufa” in jedhu.
[4] Waaqayyo garuu,“Yaa Efreem, ani maal si godhu” Yaa Yihudaa, si immoo maal godhu” Jaalalli kee akka hurrii ganamaa ti, akka fixeensa ganamaan dafee bu'uu tis.
[5] Kanaafis ani karaa raajotaa sin qiqqirixe, dubbii afaan kootii ba'uunis sin ajjeese; wanti na duratti qajeelaa ta'ee raawwatamu akka ifaa bakkee in ba'a.
[6] Ani jaalala nan barbaada malee, aarsaa miti; aarsaa gubamu caalaa immoo ana Waaqayyoon beekuu keessan nan barbaada.
[7] “Isaan garuu iddoo “Adaamaa” jedhamutti kakuu cabsan; achittis anaaf hin amanamne.
[8] Giil'aad mandara warra hamaa hojjetanii isa faana-dha'ame dhiigni keessatti argamee dha.
[9] Warri saamtuun riphanii akkuma nama eeggatan, luboonnis walitti hidhatanii karaa Sheekem dhaqu irratti nama in ajjeesu; isaan jal'ina akkasii in hojjetan.
[10] Namoota Israa'el gidduutti wanta dhagna namaa suukessu argeera; Efreem achitti ejjummaa isaa in argisiisa; Israa'elis of in xureessa.
[11] Saba koo warra kana gara gaariitti yommuun deebisu, yeroon haamamuu kee immoo dhaaba in godhata, yaa Yihudaa!