Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:48

[1] Yakka keessaniin gufattanii waan kuftaniif, gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi'aa, yaa warra Israa'el!

[2] Wanta jechuuf jettan kana fudhadhaatii, gara Waaqayyootti deebi'aa! “Yakka keenya guutummaatti nu irraa fuudhi, gaariitti nu simadhu! galata afaan keenyaas akka qalma jibootaatti aarsaa siif in dhi'eessina.

[3] Asor nu oolchuu hin danda'u, lolaa fi farda hin fe'annu; deebinees wanta harki keenya tolcheen “Waaqayyolii keenya” hin jennu; ati isa ijoolleen abbaan irra hin jirre biraa oo'a argatuu dha” ittiin jedhaa!

[4] Waaqayyo,“Ana irraa gara galuu isa dhukkuba itti ta'e irraa isaan nan fayyisa; aariin koo isaan irraa waan deebi'eef, fedha garaa kootiin isaan nan jaalladha;

[5] Warra Israa'eliif akka tiifuu bokkaa nan ta'a, isaanis akka daraaraa in daraaru, akka mukkeetii Liibaanon hidda isaanii in yaafatu;

[6] latni isaaniis in diriira, miidhagummaan isaanii akka muka ejersaa, fooliin isaaniis akka muka Liibaanon in ta'a;

[7] deebi'anii gaaddisa koo jala in jiraatu; midhaan in qotatu, akka muka waynii isa tolee ija godhatuu in ta'u; akka daadhii waynii biyya Liibaanon maqaa in godhatu.

[8] Egaa sanyiin Efreem waaqayyolii tolfaman biraa maal qaba” Anatu isaaniif dhaga'a, anatu dhimmee isaan ilaala; ani akka muka yeroo hundumaa lalisuu ti, ija godhachuu kan si dandeessisu ana biraa siif in argama” in jedha.

[9] Egaa ogeessi eenyu ree” Innoo kana in hubata! Hubataan immoo eenyu ree” Inni kana beekuu bira in ga'a! Karaan Waaqayyoo hundinuu sirrii dha, warri qajeelonni isa irra in adeemu, warri morman garuu isa irratti gufatanii in kufu.

Macaafa Hose'a Raajichaa — Chapters