[1] “Isin luboota nana kana dhaga'aa, yaa gurguddoota Israa'el, yaadatti qabadhaa; warri mana mootichaas gurra keessan as qabaa! Firdii eeguun isiniif kennamee ture, amma garuu firdiin isin irratti in raawwatama; isinoo iddoo “Miisphaa” jedhamutti akka futtaasaa, tulluu Taabor irrattis akka kiyyoo diriirfamee taataniittu.
[2] Isin sanyii isa Shiixiimitti hojjettanii gad fageessitanii bal'ifattaniittu; ani garuu hunduma keessan cimsee nan adaba.
[3] Ani Efreemin nan beeka, Israa'elis ana duraa hin dhokanne; amma immoo yaa Efreem, ejjuu keetiin gara-gaggaluu argisiifteetta, Israa'elis xuroofteetti.
[4] Gara-gaggaluun yaada isaanii keessa waan jiruuf, Waaqayyoon hin beekan; hojiin isaanii gara Waaqayyootti deebi'uu isaan in dhowwa.
[5] “Wanti Israa'el ittiin of gurguddisu isumatti dhugaa in ba'a; Israa'elii fi Efreem yakka isaaniitiin in gufatu; Yihudaanis immoo isaanii wajjin in gufata.
[6] Isaan bushaayee isaanii fi saawwan isaanii fudhatanii Waaqayyoon barbaaduuf in dhufu; garuu inni waan isaan jalaa deebi'eef, isa hin argatan.
[7] Isaan Waaqayyoof waan hin amanamneef, ormaaf ijoollee in godhatan; kanaaf baatii haaraatti isaan lafa isaanii wajjin xaph in jedhu.
[8] “Egaa fiinoo Giibe'aa keessatti, fiingees Raamaa keessatti afuufaa! Sagalee nama dammaqsu“Bet-Aween” [ishee dur“Bet'el” jedhamtutti] dhageessisaa! Benyaamiinin garaa raasaa!
[9] Guyyaa adabaatti Efreem onaa in ta'a; wanta dhuguma gosa Israa'el keessatti ta'us nan labsa.
[10] Gurguddoonni Yihudaa akka warra daarii dhiibanii ta'aniiru, kanaaf ani dheekkamsa koo akka bishaaniitti isaan irratti nan dhangalaasa.
[11] Efreem wanta waa'ee hin baafne duukaa bu'uu yaadaa waan qabuuf, cunqurfamee dhugaan isaa badeera.
[12] Kanaafis ani Efreemitti akka madaa malaa kuusee ti, mana Yihudaattis akka boccoqaa raammessuu ti.
[13] “Efreem dhukkuba isaa, Yihudaanis madaa isaa yommuu arge, yommus Efreem biyya Asor dhaqe, mooticha guddaa sanattis in ergate; garuu inni isin fayyisuu, madichas isin irraa balleessuu hin dandeenye.
[14] Anoo Efreemitti akka leencaa, mana Yihudaattis akka leenca saafelaa nan ta'a; ani, anumti tatarsaasee nan adeema, fuudhees nan sokka, kan oolchus hin jiru.
[15] Hamma isaan yakka isaanii of iratti beekanii fuula koo barbaaddatanitti, ani nan adeema, iddoo koottis nan deebi'a; yoos isaan rakkina isaanii keessatti dammaqanii ana in barbaaddatu” jedhe.