Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:33

[1] Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Uziyaa, Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti biyya Yihudaa irratti mo'anii, Yerobi'aam ilmi Yeho'aash immoo biyya Israa'el irratti mo'etti, gara Hose'a ilma Beriit dhufee dha.

[2] Waaqayyo dura karaa Hose'a yeroo dubbatetti, Hose'aadhaan,“Biyyichi Waaqayyoon dhiisuu isaatiin ejja guddaa keessa lixeera; kanaaf dhaqi, dubartii ejjituu fuudhi, ijoollee ejjaas godhadhu!” jedhe.

[3] Kana irratti inni dhaqee Gomeerin intala Diiblaayim fuudhe; isheen ulfooftee ilma in deesseef.

[4] Yommus Waaqayyo, “ ‘Yizre'el” jedhii moggaasi! Yeroo gabaabduu booddee sababii dhiiga Yizre'elitti dhangala'eef mana Yehuu nan adaba; mootummaan Israa'elis kanumaan akka raawwatu nan godha.

[5] Gaafas ani dachaa Yizre'el keessatti humna warra Israa'el nan cabsa” jedheen.

[6] Gomeer ammas ulfooftee, durba in deesse; Waaqayyo immoo Hose'aadhaan,“Ani si'achi mana Israa'eliif cubbuu isaanii isaaniif dhiisuuf matumaa oo'a hin argisiisu, kanaaf“Lo-Ruhaamaa” jedhii maqaa moggaasi! [Hiikaan isaas “Oo'a hin arganne” jechuu dha].

[7] Mana Yihudaatti garuu oo'a nan argisiisa, isaan nan oolchas; iddaadhaan yookiis billaadhaan yookiis lolaan yookiis fardeenii fi abboota fardeeniin utuu hin ta'in, ani Waaqayyo gooftaan isaanii harka kootiin isaan nan oolcha” jedhe.

[8] Gomeer erga “Lo-Ruhaamaa” harma guuftee, ulfooftee ilma in deesse.

[9] Waaqayyo yommus Hose'aadhaan, “ ‘Lo-Amii” jedhii moggaasi, isinoo saba koo miti, anis Waaqayyo keessan miti” jedhe. [“Lo-Amii” jechuun “Saba koo miti” jechuu dha].

Macaafa Hose'a Raajichaa — Chapters