[1] “Yeroo ani Israa'elin fayyisuu barbaadutti, yakki Efreem, jal'inni Samaariyaas in mul'ata; isaan gowwoomsaadhaan in hojjetu, hattuun qotee in lixa, aatuun immoo bakkeetti in saama.
[2] Ani hojii isaanii isa jal'aa kana hundumaa akkan yaadadhu isaan garaa isaaniitti iyyuu hin yaadan; ammas gochi isaanii isaanitti naanna'ee fuula koo dura jira.
[3] “Isaan mooticha jal'ina isaaniitiin, gurguddootas dubbii isaanii isa gara-gaggalaadhaan in gammachiisu.
[4] Isaan hundumti isaanii ejjitoota, isaan akka eelee ibidda irratti ho'ifamee, isa tolchituun yeroo bukoon sukkuumamee jalqabee hamma bukaa'utti ibidda itti tuqachuu dhiisuu ti.
[5] Isaan guyyaa ayyaana mootii keenyaatti warra gurguddoota daadhii waynii obaasanii ho'a itti kaasanii in dhukkubsachiisan; mootichis warra ga'iftuu wajjin walii-gale.
[6] Jarri akkuma eelee gubaatti itti in dhi'aatu, haxxummaan garaa isaaniis riphee jira; aariin isaanii halkan guutuu in seeqa, ganamas akka arraba ibiddaa in boba'a.
[7] Isaan hundumti isaanii akka eelee ibidda irraa in gubu, warra isaan seerratanis in fixu mootonni isaanii hundinuu kukkufaniiru, isaan keessaas tokko illee ana hin waammanne.
[8] “Efreem saba warra kaanii wajjin wal in maka, Efreem maxinoo utuu gara hin galfamin hafee dha;
[9] Warri ormaa humna isaa in nyaatu, inni immoo isa hin beeku; harriin mataa isaa keessa faca'eera, inni immoo isa hin beeku.
[10] Of gurguddisuun saba Israa'el isaanumatti dhugaa in ba'a, kana keessaa immoo gara Waaqayyo gooftaa isaaniitti hin deebine, kana hundumaafis isa hin barbaaddanne.
[11] Efreem akka gugee ishee wallaaltuu mataa hin qabnee ti; warra Gibxii in waammatu, gara warra Asor immoo in dhaqu.
[12] Yeroo isaan dhaqanitti ani kiyyoo koo isaan irratti nan diriirsa, akka simbirroo qilleensa keessa balali'uus gad isaan nan buusa; akkuma waldaa isaaniitti himametti isaan nan adaba.
[13] “Isaan ana irraa waan baqataniif isaaniif wayyoo! Ana waan yakkaniifis badiisi isaanitti haa dhufu! Ani isaan furuufan ture, isaan garuu soba ana irratti in dubbatu.
[14] Siree isaanii irratti in wawwaatu malee, garaa isaaniitiin anatti hin iyyatan; midhaanii fi daadhii wayniitiif of in murmuru; ana irraa in gara galu.
[15] Utuma ani isaan gorsee irree isaanii jabeessuufii, isaan hamaa ana irratti in koratu.
[16] Isaan gara Waaqayyo tolfamaa isa waa'ee hin baafneetti in gara galu; isaan akka iddaa qajeeltootti xiyya hin darbannee ti; sababii dheekkamsa arraba isaaniitiif gurguddoonni isaanii billaadhaan in kufu; sababii kanaaf warri biyya Gibxii isaanitti in ga'isu?.