Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:25

[1] Kana booddee immoo Daawit mootichi Filisxeemota rukutee harka jala galfatee, mandara guddittii isaan qabatanii turanis harka isaanii keessaa in baase.

[2] Akkasuma immoo Mo'aabota lolee in mo'e; namoota warra booji'e immoo akka isaan tarree galanii lafa ciisan godhee, funyoodhaan isaan in safare; namoota funyoo safaraa lama lama gidduu ciisan ajjeesisee, namoota funyoo safaraa tokko tokko gidduu ciisan immoo in hambise; kana irratti Mo'aabonni harka isaa jala galanii gabbara in fidaniif.

[3] Hadaad-Ezer ilmi Rehoob mootiin Zobaa, biyya laga Efraaxiis bukkee jiru harka isaa jalatti deebifachuudhaaf dhaqaa utuu jiruu Daawit isa rukutee,

[4] konkolaattota isaa kuma tokko, abbootii fardeenii isaa kuma torbaa fi loltoota warra lafoo kuma digdama in booji'e; fardeen konkolaattota harkisan dhibba tokko duwwaa hambisee, fardeen warra kaan hundumaa morgaa kukkutee in naafise.

[5] Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiraatan Hadaad-Ezer mootii Zobaa gargaaruudhaaf in dhufan; Daawit immoo isaan keessaa namoota kuma digdamii lama rukutee in ajjeese.

[6] Biyya isaanii keessas loltoota in kaa'ate, warri Sooriyaas isatti bulanii gabbara in geessuuf turan; Waaqayyo immoo lafa Daawit dhaqe hundumaatti mo'icha in kenneef.

[7] Daawit gaachanoota warqee eegdonni Hadaad-Ezer baatan irraa fudhatee gara Yerusaalem in fide.

[8] Akkasumas immoo mandaroota Hadaad-Ezer warra Bexaa fi Berootaayi jedhaman keessaa sibiila borrajjii baay'ee isaa fudhatee in adeeme.

[9] To'ii mootiin Haamaat, Daawit guutummaa loltoota Hadaad-Ezer akka mo'e, yommuu dhaga'e,

[10] isa innumti iyyuu ofii isaatii yeroo baay'ee lolaa ture sana mo'uu isaatiif, isa dubbisee gammaduufiif, ilma isaa Yoraamin Daawit mootichatti in erge; Yoraamis kennaa mi'a garaa garaa, meetii irraa, warqee fi sibiila borrajjii irraa hojjetaman geesseefii in dhaqe.

[11] Daawit mootichi mi'a kanas immoo meetii fi warqee isa saba warra harka isaa jala galfatee irraa fudhatee wajjin hojii mana qulqullummaatiif Waaqayyoof addaan in baase.

[12] Warri inni harka isaa jala galfates namoota Edoom, namoota Mo'aab, namoota Amoon, namoota Filiisxiyaa fi namoota Amaaleq turan; akkasuma immoo mi'a Hadaad-Ezer ilma Rehoob mootii Zobaa irraa fudhate keessaa Waaqayyoof addaan in baase.

[13] Daawit dachaa soogiddaa keessatti namoota Edoom keessaa kuma kudha saddeet rukutee ajjeesee erga deebi'ee booddee, guddaa beekamaa in ta'e.

[14] Biyya Edoom keessas loltoota in kaa'ate; warri Edoomis guutummaatti Daawititti in bulan; Waaqayyo immoo lafa Daawit dhaqe hundumaatti mo'icha isaaf in kenne.

[15] Daawit guutummaa Israa'el irratti mootii ta'ee, saba isaa hundumaaf firdii qajeelaa in kenne, wanta Waaqayyo duratti fudhatamaa ta'es in hojjete.

[16] Yo'aab inni Zeruyaan deesse ajajaa humna waraanaa ture; Yoshaafaax ilmi Ahiilud immoo itti gaafatamaa caaffata mana mootummaa ture.

[17] Zaadoq ilmi Ahiixubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo caafaa ture.

[18] Benaayaan ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa kutata loltoota mooticha eeganii ture; ilmaan Daawit immoo luboota turan.

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa — Chapters