[1] Kana booddee immoo wanti ta'e tokko jira; innis, Abiishaalom ilmi Daawit obboleettii baay'ee bareeddu tokko qaba ture; maqaan ishee“Taamaar” jedhama; Amnoon ilmi Daawit immoo baay'isee ishee in jaallate;
[2] Amnoon sababii Taamaar obboleettiin isaa durba taateef, waan hin taane ishee irratti hojjechuun hin danda'amuuf ture; kana irraa kan ka'e inni hamma dhukkubsachuu ga'utti yaadaan in dhiphate.
[3] Amnoon michuu maqaan isaa “Yonaadaab” jedhamu tokko qaba ture; Yonaadaab ilmi Shime'aa isa obboleessa Daawit kanaa nama baay'ee haxxee dha.
[4] Inni gaaf tokko Amnooniin,“Yaa ilma mootii, ati guyyuma guyyaan maaliif gad adeemta” Anatti hin himtuu?” jedhe; Amnoon immoo,“Ani jaalala Taamaar obboleettii Abiishaalom obboleessa kootiitiin butameera” jedhee itti in hime.
[5] Yonaadaab immoo Amnooniin,“Akka waan si dhukkubetti siree kee irra ciisi! Abbaan kee si dubbisuu yommuu dhufu,“Hadaraa Taamaar obboleettiin koo dhuftee nyaata anaaf haa kennitu! Nyaata kanas utuun ilaaluu ija koo duratti haa qopheessitu, ani harka ishee irraa nan nyaadha” jedhiin!” jedhe.
[6] Yommus Amnoon akka waan dhukkubsatetti in ciise; yeroo mootichi isa dubbisuu dhufetti, Amnoon,“Taamaar obboleettiin koo haa dhuftu! Ija koo duratti bixxillee lama haa tolchitu! Anis harka ishee irraa nan nyaadha” ittiin jedhe.
[7] Kana irratti Daawit gara mana mootummaatti Taamaaritti nama ergee,“Gara mana Amnoon obboleessa kee dhaqiitii, wanta inni nyaatu qopheessiif!” jedhe.
[8] Taamaar gara mana Amnoon obboleessa isheetii in dhaqxe; obboleessi ishee utuu ciisuu, isheen ija isaa duratti bukoo bukeessitee bixxillee in tolchiteef.
[9] Isheen bixxillicha beddee irraa baaftee isa dura in keesse; Amnoon garuu nyaachuu didee,“Nama hundumaa asii gad baasaa!” jedhe; namoonni hundinuus isa biraa gad in ba'an.
[10] Amnoon yommus Taamaariin,“Ani harka kee irraa akkan nyaadhutti as iddoon ciisutti isa qopheessite anaaf fidi!” jedhe; isheen bixxillee tolchite sana fuutee, Amnoon obboleessa isheetiif iddoo inni ciisutti in geessiteef.
[11] Yeroo isheen nyaata dhi'eessiteefitti, inni immoo ishee qabee,“Obboleettii ko, kottuutii anaa wajjin ciisi!” jedhe.
[12] Isheen garuu,“Lakkii yaa obboleessa ko, ana hin salphisin! Wanti akkasii Israa'el keessatti hojjetamuun hin ta'u; atis wanta yeellaasisaa akkasii hin hojjetin!
[13] Yoo ana salphifte, ani attaman ta'a” Eessan dhaqas” Atis attam taata” Biyya Israa'el keessatti warra wanta yeellaasisaa hojjetan keessaa tokko in taata; mootichatti himadhu, innis sitti na heerumsiisuu hin didu!” jette.
[14] Inni garuu isheedhaaf dhaga'uu hin barbaanne; humna waan ishee caaluuf ishee wajjin ciisee, ishee in salphise.
[15] Kana booddee garuu Amnoon isa dur ishee in jaallata ture caalaatti baay'isee ishee jibbee,“Ka'ii mana kanaa ba'i!” jedheen.
[16] Isheen immoo,“Lakkii ana manaa baasuu keetiin wanta hamaa isa amma ana irratti hojjette caalaa hammina hin hojjetin!” jetteen; inni garuu isheedhaaf dhaga'uu didee,
[17] dargaggeessa isaaf ergamu tokko ol waamee,“Dubartii kana ija koo duraa gad baasii balbala itti cufi!” jedhe.
[18] Yommus namichi isaaf ergamu sun gad ishee baasee, balbala itti in cufe; isheen qoloo dheeraa harka qabu isa durboonni moototaa dur uffatan, uffattee turte.
[19] Taamaar gadda irraa kan ka'e daaraa mataatti firfirfattee, qoloo dheeraa harka qabu isa uffattu sana in tarsaafte; mataa ishees qabattee, sagalee ishee ol fudhattee boo'aa baatee in adeemte.
[20] Abiishaalom obboleessi ishee isheedhaan,“Amnoon obboleessa keetu waan hin taane si irratti hojjetee” Yaa obboleettii ko, mee calluma jedhi! Inni obboleessa kee ti, dubbiin kun yaada keetti hin ulfaatin!” jedhe; Taamaar akka waan gatamteetti mana Abiishaalom obboleessa ishee in teesse.
[21] Daawit mootichi dubbii kana hundumaa yommuu dhaga'e, baay'isee in dheekkame.
[22] Amnoon sababii Taamaar obboleettii Abiishaalom salphiseef, Abiishaalom immoo isa in jibbe; haa ta'u iyyuu malee, hamaas ta'u, gaariis ta'u waan tokko illee isatti hin dubbanne.
[23] Kun ta'ee waggaa lama booddee Abiishaalom mandara Ba'aal-Hazoor isa daarii biyya Efreemitti dhi'oo jiru keessatti hoolota isaa irraa rifeensa utuu mursiifatuu, ilmaan mootichaa hundumaa in waame.
[24] Abiishaalom gara Daawit mootichaa dhaqee,“Ani garbichi kee hoolota koo irraan rifeensa mursiifadhaatii, ati mootichi ana garbicha kee wajjin akka dhaqxu, hojjetoonni kee warri gurguddoonnis akka dhaqan hadaraa sin kadhadha” jedhe.
[25] Mootichi garuu,“Lakkii yaa ilma ko, nuyi hundumti keenya hin dhufnu, ba'aas sitti hin taanu!” jedhee deebiseef; Abiishaalom ittuma citee yoo isa kadhate iyyuu, mootichi isa eebbise malee, isaa wajjin dhaquu hin barbaanne.
[26] Abiishaalom yommus mootichaan,“Ati yoo dhaquu dhabaatte iyyuu, hadaraa obboleessi koo Amnoon nuu wajjin haa dhaqu!” jedhee in kadhate; mootichis,“Inni maaliif sii wajjin dhaqaa?” jedhee isa in gaafate.
[27] Abiishaalom garuu jabeessee waan isa kadhateef, mootichi ilmi isaa Amnoonii fi ilmaan isaa warri kaan hundinuu Abiishaalomii wajjin akka dhaqaniif in erge.
[28] Abiishaalom yommus namoota isaa waamee,“Dhaga'aa, Amnoon daadhii waynii dhugee garaan isaa yommuu ciisu, ani immoo,“Rukutaa isa ajjeesaa!” isiniin nan jedha; kana anatu isin abboome waan ta'eef, isin isa ajjeesaa malee, hin sodaatinaa! Jabaadhaa, jagnootas ta'aa!” jedhee isaan in abboome.
[29] Namoonni Abiishaalom akkuma inni isaan abboometti, Amnoonin in ajjeesan; ilmaan mootichaa hundinuu ka'anii gaangolii isaaniitti nam'anii in baqatan.
[30] Ilmaan mootichaa karaa irra utuu jiranii Daawit oduu,“Abiishaalom ilmaan mootichaa keessaa tokko illee utuu hin hambisin hunduma isaanii rukutee in ajjeese” jedhu in dhaga'e.
[31] Daawit mootichi yommus ka'ee uffata isaa tarsaasee, lafa dha'ee in ciise; hojjetoonni isaa hundinuus gadda irraa kan ka'e uffata isaanii tarsaasanii isa bira in dhaabatan.
[32] Yonaadaab ilmi Shime'aa obboleessa Daawit garuu,“Yaa gooftaa ko,“Ilmaan koo hunduma isaanii ajjeesan” jettee hin yaadin! Amnoon duwwaatu du'e ta'a; maaliif yoo jette, erga gaafa Amnoon humnaan Taamaar obboleettii Abiishaalom salphisee jalqabee, Abiishaalom isa ajjeesuuf yaada akka qabu in argisiisa ture.
[33] Kan du'e Amnoon duwwaa dha; egaa yaa gooftaa ko, yaa mootii ko, isa namoonni,“Ilmaan mootichaa hundumti isaanii in du'an” jedhanii odeessan fudhattee yaadaan hin dhiphatin!” jedhee Daawititti in dubbate.
[34] Abiishaalom garuu erga isa ajjeesisee booddee baqatee in sokke; eegduun inni mandara eegaa tures hubatee ilaalee, namoota baay'ee karaa cinaacha gaaraatiin, dugda isaa duubaan gad bu'aa jiran argee, mootichatti in hime.
[35] Yonaadaab yommus mootichaan,“Ilaa, ilmaan kee dhufaniiru, akkuma ani garbichi kee jedhe ta'e” jedhe.
[36] Akkuma inni dubbatee afaanii fixeen, ilmaan mootichaa ol galanii sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an; yommus mootichi, hojjetoonni isaa hundinuus boo'icha guddaa isaa in boo'an.
[37] Abiishaalom garuu baqatee gara Talmaayi ilma Amiihud mootii biyya Geshuur in dhaqe; Daawit immoo ilma isaa Amnooniif yeroo dheeraa in gadde.
[38] Abiishaalom baqatee biyya Geshuur erga dhaqee booddee, waggaa sadii achi in taa'e.
[39] Daawit mootichi waa'ee du'a ilma isaa Amnooniif gadduu dhiisee erga jajjabaatee booddee, garaan isaa Abiishaalomin in yaade.