Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:03

[1] Daawit roggee gaarichaa qaari'ee xinnoo ishee erga adeemee booddee, Ziibaan hojjetaan Mefii-Bosheet harroota lamatti buddeena dhibba lama, bixxillee ija waynii dhibba tokko, ija muka garaa garaa dhibba tokkoo fi daadhii waynii qodaa tokkotti fe'ee, isa simachuudhaaf in dhufe.

[2] Mootichi immoo,“Kana hundumaa maaliif fidde?” jedhee isa in gaafate; Ziibaan immoo,“Harroota fiduun koo, maatiin mootichaa akka ittiin adeemaniif; buddeenaa fi ija mukaa fiduun koo, namoonni akka nyaataniif; daadhii waynii fiduun koos, warri lafa onaa kana keessatti laabba'an akka dhuganiif” jedhee in deebiseef.

[3] Mootichi yommus,“Ilmi ilma Saa'ol gooftaa keetii eessa jira?” jedhee Ziibaa in gaafate; Ziibaan immoo deebisee mootichaan,“Inni,“Har'a Israa'eloonni mootummaa akaakayyuu koo Saa'ol deebisanii anaaf in kennu” jedhee waan yaadeef, Yerusaalemitti hafe” jedhe.

[4] Mootichi kana irratti Ziibaadhaan,“Wanti Mefii-Bosheet qabu hundinuu siif haa ta'u!” jedhe; Ziibaan immoo mootichaaf qoomma'ee,“Yaa gooftaa ko mootichaa ulfaadhu! Akkasuma faara tolaadhaan ana ilaaluu hin dhiisin!” jedhe.

[5] Daawit mootichi mandara Bahuriim yommuu ga'e, sanyii Saa'ol keessaa namichi Shime'ii jedhamu tokko ilmi Geraa mandaricha keessaa in ba'e; inni akkuma gad ba'een, Daawitin in abaare.

[6] Hojjetoonni warri gurguddoonni hundinuu, namoonni warri kaan hundinuu, loltoonni warri jajjaboonni hundinuus utuma gara bitaa fi gara mirgaa mootichaa dhaabatanii jiranii, namichi isaanitti, Daawitittis dhagaa in daddarbate.

[7] Shime'iin yeroo mooticha abaaretti,“Ati yaa nama gumaa! Ati yaa nama gatii hin qabne! Ba'ii lafa irraa badi!

[8] Dhiiga ati mana Saa'ol keessatti dhangalaafte, Waaqayyo mataa kee irratti in deebise; ati mootii taatee iddoo Saa'ol in buute, Waaqayyo garuu mootumicha Abiishaalom ilma keetti dabarsee in kenna; ati nama gumaa waan taateef, jireenyi kee badeera!” jedhe.

[9] Kana irratti Abiishaayi inni Zeruyaan deesse mootichaan,“Namichi akka saree du'aa kun maaliif si gooftaa koo mooticha abaara” Mee dhaqeetan mataa isaa isa irraa kuta” jedhe.

[10] Mootichi garuu deebisee,“Yaa ilmaan Zeruyaan deessee, maaltu dubbii koo keessa isin galche” Waaqayyo namichaan,“Daawitin abaari!” waan jedheef haa abaaru! Eenyutu,“Ati maaliif kana goota?” jedhee isa gaafachuu danda'a?” jedhe.

[11] Daawit yommus Abiishaayii fi hojjetoota isaa warra gurguddoota hundumaan,“Kunoo, ilmi koo inni ani dhalche iyyuu ana ajjeesuu barbaada; kan Benyaamiinicha kanaa maaliif isin dinqa” Waaqayyotu isatti dubbate waan ta'eef, haa abaaru isa dhiisaa!

[12] Waaqayyo tarii gad deebi'uu koo ilaalee, isa ani har'a abaaramaa jiru kanaaf wanta gaarii anaaf in deebisa ta'a” jedhe.

[13] Daawit ittuma fufee namoota isaa wajjin karaa irra in adeema ture; Shime'iin immoo isa abaaraa dhagaa itti furuursaa, biyyoo itti daddarbachaa cinaacha gaarichaatiin gara irraa isaa in adeema ture.

[14] Mootichi, namoonni isaa wajjin turan hundinuus iddoo buufataa tokko yommuu ga'an, baay'ee waan dadhabaniif achitti aara in galfatan.

[15] Kana gidduutti Abiishaalom namoota Israa'el warra isa duukaa turan hundumaa wajjin Yerusaalemitti in gale; Ahiitofelis isaa wajjin ture.

[16] Yommus michuun Daawit Hushaayi Arkaa'ichi Abiishaalom bira dhaqee,“Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Bara baraan jiraadhu, yaa mootii!” ittiin jedhe.

[17] Kana irratti Abiishaalom,“Amanamummaan ati michuu kee argisiiftu isa kanaa” Ati maaliif michuu kee wajjin adeemuu dhiifte?” jedhee isa in gaafate.

[18] Hushaayi immoo Abiishaalomiin,“Waawuu! Waaqayyo, jarri kun, namoonni Israa'elis guutummaatti si fo'ataniiru; anis immoo kan kee nan ta'a, si birattis nan hafa.

[19] Dabalee iyyuu immoo, si ilma gooftaa kootiif kanan hin hojjenne, eenyuufan hojjedha ree” Akkuman abbaa keetiif ergamaa ture, siifis immoo nan ergama” jedhe.

[20] Abiishaalom kana booddee Ahiitofeliin,“Mee wanta gochuun nuuf ta'u nu gorsi!” jedhe.

[21] Ahiitofel yommus Abiishaalomiin,“Gara saajjatoota abbaa keetii warra inni mana mootummaa akka eeganiif asitti dhiise dhaqiitii isaanii wajjin ciisi! Kana irraa kan ka'es, Israa'eloonni hundinuu akka ati raawwattee abbaa kee of jibbisiifte in dhaga'u; kanaanis namoonni warri gara kee goran hundinuu garaa kutatanii humna in jabaatu!” jedhee in gorse.

[22] Jarreen tokko immoo bantii mana mootummaa isa diriiraa irra Abiishaalomiif dunkaana in dhaaban; yommus Abiishaalomis utuma Israa'eloonni hundinuu ilaalanii, saajjatoota abbaa isaa bira in dhaqe.

[23] Bara sana gorsi Ahiitofel kennu akkuma dubbii nama isa Waaqayyoon gaafatee deebii isaa himuutti in ilaalama ture; Daawitii fi Abiishaalom iyyuu gorsa Ahiitofel kennu akkuma kanatti in ilaalu turan.

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa — Chapters